Muummichi Ministeeraa Sudaan Aangoo ofii Gad Dhiisuun Biyyattii Jeequmsa Siyaasaaf Saaxile

  • VOA

FAAYILII - Kanneen fonqolcha mootummaa Sudaan keessaatti geggeeffame morman hiriira Onkoloolessa 30, 2021 bahan

Muummichi ministeeraa Sudaan Abdallaa Hamdook ce’umsa nagaa gara dimokraasiitti geessutti milkaa’uu hin dandeenye jechuu dhaan aangoo gad dhiisuu isaanitti aansee biyyattiin dilbata kaleessaa jeeqama siyaasaa hamaa keessa seenutee jirti.

Hamdook labsii aangoo gad dhiisuu isaanii kan labsan haasaa televiziyoona irratti dhiyaachuun dhageessisaniin ture.

SEE ALSO: Sudaan Keessatti Hiriirtonni Ajjeefaman

Hamdook akka jedhanitti “biyyi keenya gara badiitti akka hin seenne hamman danda’e yaalii godheera. Amma immoo biyyi keenya hatattamaan hin sirraa’u yoo ta’e, jiraachuu ishee guutummaan balaa irra kan buusu boqonnaa jijjiirama balaa qabu irra jirti” jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Muummichi Ministeeraa Sudaan Aangoo ofii Gad Dhiisuun Biyyattii Jeequmsa Siyaasaaf Saaxile