Torban Aadaa Oromiyaa Shaashemanneetti Deemsisamaa Ture Xumurame  

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoon Oromiyaa qabeenyaalee aadaa naannicha keessa jiru irraa galii argamsiisuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa beeksise. Obbo Mootummaa Asaffaa, Diirektarri Daarektoreetii Misooma Industirii Aadaa fi Aartii Ka Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii, biiroon isaanii qaama guddina aadaa hordofu addatti hundeessuu himanii, kana malees artiistotaa fi qaamota dhimmichi ilaallatu waliin qindoominaan akka hojechaa jiru dubbatan.

Torban Aadaa naannoo Oromiyaa saddeettaffaan Dilbataa kaasee Arsii Lixaa Shaashamannetti gaggeeffamaa turee har’a xumurame. Gabaasaa guutuu caqasaa.