Waajjira Mana-maree Ameerikaa Keessatti Dhuga-bahinsa Dhiittaa Mirga Uummata Oromoo Gegeessame

Dhugaa bahumsii dhimma Oromoo irratti Galma Walgahii Kongireesii Amerikaatti kenname, Ebla 19, 2016

Waa’ee dhiittaa mirga dhala-namaa Itiyoophiyaa keessaa – keessumaa, miidhaa uummata Oromoo irratti geggeessamaa jiru irratti, har’a, galma waajira Mana-maree Yunaayitid Isteets, keessatti, dhuga-ba’insa dhihaate.

Miseensa mana marii godina Minisootaa Beetii Makikollom

​ Kanneen dhuga-ba’insa kana dhiheessan keessaa sadii: Dhalata oromoo fi gaazzexeessaa Aljeziiraa duraanii - Mohammaad Adamoo, Ameerikaatti, direktara Amnestii Internaashinaal - Adotii Akiweey fi hundeesituu fi dura-teessuu dhaabbata dhimma imammataa, Ooklaand Instiitiut, jedhamuu - Anuraataa Mitaali.

Dhugaa bahumsii dhimma Oromoo irratti Galma Walgahii Kongireesii Amerikaatti kenname.

Boonii Hoolkoom, qorattuu aadaa fi jiruu namaa (anthropologist).

Dhaga-ba’insa kanaa booda, miseensonni hawaasa Oromoo kutaalee Yunaayitid Isteetsii fi Kanadaa irraa as Waashintonitti walga’an kumaan lakkaawaman, akkasumas, lammiwwan Itiyoophiyaa ka biroon, tokkumman, mana-maree Yunaayitid Isteets irraa haga Waayit Haawusitti hiriira bahan.

Your browser doesn’t support HTML5

Waajjira Mana-maree Ameerikaa Keessatti Dhuga-bahinsa Dhiittaa Mirga Uummata Oromoo Gegeessam