Yukireen Sababaa Nageenyaaf Jecha Balalii Siivilootaaf Samii Ishee Cufte 

  • VOA

Buufata xiyyaaraa qarqara Kiyiiv jiru, Yukireen, Guraandhala 13, 2022.

Yukireen sababaa nageenyaaf akkaan sodaachisaa ta’eef jecha samii ishee balalii imaltootaaf cufuu ishee har’a beeksistee jirti. To’attoonni aviyeeshinii Awrooppaa illee sababaa waraansi geggeessamaa jiruuf naannoolee daangaa Raashiyaa fi Beelaarus irra balal’iuun sodaachisaa ta’uu akeekkachiisanii jiran.

Prezidaantiin Raashiyaa vilaadimir Putin Yukireen gama bahaa keessatti kamisa har’aa duula waraanaa labsanii jiran.

SEE ALSO: Raashiyaan  Har’a Ganama Yukireeniin Weerarte  

Tajaajilli dhaaba daandii balalii Yukireen marsariitii isaa irratti maxxansuu dhaan samiin balalii biyyattiii balalii siivilotaa maraaf har’aa qabee cufamuu isaa beeksisee jira. Tajaajilli to’annaa balaliis har’a hojii jiru rarraasee jira.

Dhaabbati nageenya aviyeeshinii gamtaa Awrooppaa, samiin balalii Raashiyaa fi Beelaarus hanga km 185 Yukireen waliin wal daankessutti xayyaaraaf balaa ta’uu mala jechuun beeksisee jira. Xayyaaraalee sivilii beekaa ykn adda baasuuf dogoggora jiruun irratti fuuleffatamuu danda’a jechuun akeekkachiiseera.