Yunaayitid Isteetis Gargaarsa Nyaataa Yeroof Itiyoophiyaa Irraa Dhaabuu Beeksiste 

  • VOA

FAAYILII - Midhaan qarqaarsaa dhihaate karaa Dhaabbata Riliif Sosaayitii of Tigraay jedhamu hiramu, Aguwalaa, naannoo Tigraay, Caamsaa 8, 2021.

Midhaan nyaataa bifa gargaarsaan gara Itiyoophiyaatti ergamu warra ergameefin bira dhaqqabuu dhiisee dhimmoota biroof oolaa jira jechuunDhaabbanni misooma Idil- Addunyaa kan Yuunaayitiid Isteetis (USAID) midhaan nyaataa gargaarsaan gara Itiyoophiyaatti ergu dhaabuu isaa beeksiise. Dubbii himaan dhaabbatichaa kamisa har’aa ibsa Naayiroobii Keeniyaatti baasaniin dhaabbanni isaanii Mootummaa Itiyoophiyaa waliin akka irratti walii galanii fi midhaan nyaataa gargarsaa garasitti ergamu kaayyoo ergameefiin alattis ooleera jedhan.

Dubbii himaan dhaabbata misooma Idil- Addunyaa kan Yuunaayitiid Isteetis hojimaata haala gargaarsi biyyattii keessatti raabsamu irratti amantaa akkuma arganneen deebisnee gargaarsa midhaan nyaataa erguu ni eegalla jedhan.

Haaluma wal fakkaatuun dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaan nyaata Addunyaa ji’a darberraa kaasee midhaan gargaarsaa gara Itiyoophiyaatti ergu dhaabuu beeksiisuun isaa ni yaadatama.