Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojjettoonni Gargaarsaa Sudaan Kibbaa Naannoo Hongeen Miidhame Keessaa Ba’uuf Dirqaman


Hojjettoonni Gargaarsaa Sudaan Kibbaa Naannoo Hongeen Miidhame Keessaa Ba’uuf Dirqaman
Hojjettoonni Gargaarsaa Sudaan Kibbaa Naannoo Hongeen Miidhame Keessaa Ba’uuf Dirqaman

Naga eegumsi dhabamuun hammaachuu isaatiin hojjettoonni gargaarsaa 28 Mayendit Sudaan kibbaa kutaa Unity bakka jarmoliin gargaarsaa kan tokkummaa mootummootaa sadii fi mootummaan hongeen dha’amuu isaa labsan keessaa ba’uuf dirqaman.

Tokkummaa mootummootaatti itti aanaa hoogganaan waajjira qindeessa gargaarsa namoomaa Sudaan Kibbaa Gemma Connel akka jedhanitti hojjettoonni kun gamasii ba’uun naannoo kun hagam miidhamaa adeemuu isaaf mallattoo dha jedhan.

Siiviloonni kutaa Unity keessaa VOAf akka ibsanitti ija mukaa bosona keessaa cirataniin jiraata turan.

Haleellaan waraanaa waan jiruuf jechas qonnaa qotachuu kan hin dandeenye ta’uu isaaniif bosona keessa jiraachuuf dirqamuu isaanii illee dubbatan jiraattoni kun .

Tokkummaan mootummootaa beelli kun harka namaan kan dhufe jechuu dhaan bu’aa kufaatii dinagdee fi wal waraansaa ti jedhee jira.

XS
SM
MD
LG