Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajajaan Waraanaa Kan Taalibaan Ajjefamee


Ajajaan Waraanaa Kan Taalibaan Ajjefamee
Ajajaan Waraanaa Kan Taalibaan Ajjefamee

Donii nam-maleeyyii kan Amerikaa ta’uu hin ooltu kan jedhamte haleellaa samii irraa geesisteen ajajaa waraana Talibaan ajjesuu aangawoonni gameeyyiin kan Taalibaan beeksiisan.

Namnii kun waraana Yunaaytiid Isteetes kan ta’e sarjant Bowe Bergdahl qabatee ture jedhama. Miseensii waraanni Amerikaa kun hidhaa waggaa shanii booda “ gara Afgaanistaan lamuu hin dhufiin” jedhamuun waggaa 3 dura gadhiifamuun ni yaadatama.

Waraanni Yunaaytid Istees har’a VOA..f akka ibseetti waraanni Amerikaas ta’e kan Afgaanistaan kamiisa kaleessaa pakistaan keessattis ta’e naannoo daangaa Afgaanistaanti haleellaa samii irraa gaggeessan hin jiru.

Maddeen Talibaan har’a akka mirkaneessanti ajajaan waraanaa ajjefamee Qari Mairaj namoota lamaan haleellaa misaa’eela Amerikaan kutaa kibba bahaa Afganistaan kan naannoo daangaa pakistaan irra kutaa Koost keessatti ajjefaman keessaa tokko jedhanii amanu.

XS
SM
MD
LG