Xurree ittiin seenan

Breaking News

'Kan Tokkoo Iyyuu Hin Tollee Budaan Lakkuu Deesse' Jedhan


Zimbaabwee
Zimbaabwee

Zimbaabwee gama kibbaa fi Kibba dhiyaa keessatti baatiin Muddee erga seenee as lolaan bishaanii guutee lubbuu nama 246 galaafatee kanneen kuma lama ta’an manaan ala gochuu isaa ibsame jira.

Haanqiina maallaqaan rakkataa kan jiru mootummaan Zimbaabwee badii lolaan bishaanii geesise kanaaf hawaaasa addunyaatti gargaarsaaf iyyataa jira.

Angawoonni akka jedhanti daandilee fi riqichii jiran lolaan kan fudhataman yoo ta’u naannoo tokko tokkotti hawaasnii olloota isaa wajjiin wal qunnamuu hin dandeenye.

Zimbaabween caama marsaa lamaan dhaqqabeen erga dhahamtee booda reefu bayyanataa kan jirtu yoo ta’u amma immoo lolaan bishaanii midhaan facaafame barbadeessee jira.

YUNISEEF (UNICEF) waggaa darbee akka jedheetti zimbaabween waggootii darban 15 keessatti haala mul’atee hin beekneen amma da’imman ishee hanqiina nyaataa hamaan gidiramaa jiru.

XS
SM
MD
LG