Xurree ittiin seenan

Breaking News

Himannaa Prezidaant Traamp Obaamaa Irratti Dhiheessanii Ragaan Argamee Hin Jiru


Himannaa Prezidaant Traamp Irratti Ragaan Argamee Hin Jiru
Himannaa Prezidaant Traamp Irratti Ragaan Argamee Hin Jiru

Prezidaantiin yunaaytid Isteetes ka duraa Baraak Obaamaa filannoon prezidaantummaa Amerikaa baatii Sadaasa darbe ituu hin gaggeeffamiin dura torbanneen jiran keessatti bilbilli itti gargaaramaa ture akka iccitiin dhaggeeffatamu ajajan jechuun Prezidaant Traamp ka himatan suun ragaa akka hin qabne har’a ibsamee jira.

Hogganaa sadarkaa olaanaan koree tika nagaa kan mana marii bakka bu’ootaa ripaablikaantichii Deeviin Nuunes har’a akka jedhanti ragaa himata kana mirkaneessu tokko iyyu hin arganne jedhan.Gamoo prez Traamp guddicha magaalaa Neew Yoork keessa jiru Twiin Taawors irraa sagaleen iccitiin waraabame kan jiru hin fakkaatu jedhan.

Koree kana keessa ka jiran Dimokraatichii Adam Schiff obaamaan ajaja kanaa kennuu isaaf ragaan arge tokko iyyu akk hin jiru ibse.Waan fedhe jedhamuus ragaan agarsisuu tokko hin argamne jedhan.

XS
SM
MD
LG