Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyoonni Wahiilota Yunaayitid Isteets Kan Awurooppaa Haleellaa Misaahelaa Maadhee Waraanaa Siiriyaa Irratti Geggeessite Of Eeggannoon Simatan

Biyyoonni wahiilota Yunaayitid Isteets, kan Awurooppaa, haleellaa misaahelaa halkan dabre waraanni Yunaayitid Isteets, maadhee waraanaa Siiriyaa irratti geggeessite of eeggannoon simatanii jiran.

Ministarri Ittisaa Briteen – Maayikil Feelon, har’a ibsa kennaniin, “haleellaa gaazii mootummaan Siiriyaa geggeesseen – daa’imman dabalee uummata nagaa gara dhibba tokkoo fixe kanatti, tarkaaniin mootummaan Traamp fudhate sirrii dha – jennee amanna. Tarkaanfii kana guutummaatti deggerra” jedhan.

Jarmaniinis jechuma wal-fakkaataadhaan deggersa ishee beeksiste. “Haleellaa meeshaa keemikaalaan geggeessamu dhaabuuf jecha, karaan biraan yaalamuu namni mormu hin jiru.” Jedhan – dubbi-himaan ministrii dhimma-alaa Jarmanii – Sabaastiyaan Fiisher.

Prezidaantiin Farasaayis, tarkaanfiin Yunaayitid Isteets fudhatte sirrii dha – jedhan.

XS
SM
MD
LG