Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Afrikaa Kibbaa Kumaan Lakkaawwaman 'Jaakoob Zuumaa Taayitaa Gadhiisuu Qabaan' Jechuudhan Hiriira Bahan


Protesters of President Jacob Zuma gather across Johannesburg, the economic capital of South Africa, April 7, 2017. (Photo courtesy of Zaheer Cassim)
Protesters of President Jacob Zuma gather across Johannesburg, the economic capital of South Africa, April 7, 2017. (Photo courtesy of Zaheer Cassim)

Kanneen sabootaa fi sanyiiwwan adda addaa irraa walitti-dhufan - hiriitoonni kumaan lakkaawan har’a Afrikaa Kibbaa keessatti akka Prezidaantiin biyyattii – Jaakoob Zuumaa taayitaa gad-lakkisan gaafataa oolan.

Hiriirawwan har’a waaree booda geggeessaman irra-jireessi isaanii sirna-qabeessaa fi nagaadhaan geggeessamuu isaanii dubbatu – aangawoonni.

Gama biraan garuu, walakkeessa magaalaa Johaanesberg keessatti -- hiriirtota prezidaanticha deggeranii ba’an irratti Poolisoonni rasaasa pilaastikii dukaasuu isaanii, maddeen oduu biyyattii gabaasanii jiran.

Walakkeessa magaalattii keessatti kanneen hiriiran – deggertoonni paartii mormituu, “Dimookiraatik Alayaans” jedhamuu, “Zuumaan bu’uu qaba” jedhuun dhaadataa turan. Paartiin isaanii akka Paarlaamaa keessatti sagaleen itti amantaa-dhabinsaa Prezidaant Zuumaa iratti kennamu gaafatee jira.

Magaalaa Keep-taawon keessatti immoo, Ark-biishoop Dezmoond Tuuttuu, hiriirtota farra-Zuumaa irratti qeeqa isaanii jabaa fi fudhatamaa ta’an dhageessisan.

Prezidaantichi, yeroo dheeraadhaaf gochaa malaammaltummaan ka balaaleffatamaa turan yoo tahu, torban dabre keessaa ministara maallaqaa uummata biratti kabajamaa fi jaallatamaa hari’uu isaanii fi ministaroota kaabinee hedduu jijjiiruu isaaniitti, mormiin itti cimee hiriirri har’aa kun guutummaa biyyattii keessatti waamame.

XS
SM
MD
LG