Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammileen Itiyoophiyaa Poolisii Sudaaniin hidhaman hin hiikamne


(Suura faayilii)
(Suura faayilii)

Lammileen Itiyoophiyaa dhibbaa ol ta’an mudde keessa ka Poolisii Sudaaniin hidhaman ammaa hidhaa jiru. Imbaasiin Itiyoophiyaa dhimma kanarratti deebii kenneeraa

Lammileen Itiyoophiyaa Poolisii Sudaaniin hidhaman hin hiikamne
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:12 0:00

Mudde 11 bara 2019, lammileen Itiyoophiyaa 100 ol ta’an Sudaan kaartum Sudaan kaartuum keessatti ka to’annaa poolisii biyyattii jela oolfaman ammaa hidhaatii akka hin hiikamne lammileen Oromoo Kaartum jiraatan Sagalee Ameerikaaf himanii jiru.

Erga isaan qabamanii booda Sudaanitti Ambaasaadderri Itiyoophiyaa Shifarraa Jaarsoo muummee Ministeeraa Sudaan Abdallaa Hamdook waliin wal arguun ni hiikamu jedhamus, lammileen kun haga yoonaa hidhaatii hin hiikamin jiraachuu dubbatu.

Dhalataan Oromoo Kaartuum ganna Saddeet jiraachuu hime Kadir Abdurrahimaan, ji’a darbe kana Ilma wasiila isaa ka tahe Kaaliid Hasan poolisoota Sudaaniin lafa hojiitii akka qabamee hidhame, sana boodas hidhaa ji’a jahaa ykn adabbiin qarshii paawundii Sudaan kuma Dhibba tokko irratti darbuu dubbate.

Gama biraan baqattoonni lammiin Itiyoophiyaa Sudaan jiraatan kan komatan waa’ee waraqaa eyyama jireenyaa lammilee Itiyoophiyaaf kennamuuti. Sudaan baqattoota Itiyoophiyaaf duraan waraqaa addaa kennitee jiraachisti. Kanaanis baqattoonni eyyama jireenyaa ka argatan yoo tahu, amma garuu waraqaa eyyamaa kana kennuun dhaabbachuu himu.

Lammilee Itiyoophiyaa mudde keessa hidhaman 100 ol ta’an keessaa 70 ka caalan ammaa kaartuum mana hidhaa naannoo Opmdurmaan akka jiran Ambaasaaddarri Itoophiyaa mirkaneessanii jiru.

XS
SM
MD
LG