Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Poolisiin Sudaan Lammilee Itiyoophiyaa 100’n Lakkaa’aman Hidhe’ Imbaasii Itiyoophiyaa Kaartuum


Poolisiin Sudaan lammilee Itiyoophiyaa dhibbaan lakkaa’aman hidhuu Sudaanitti Ambaasaadderri Itiyoophiyaa dubbatan.

Dhiyeenya, keessumaa torbee muraasaa as Poolisiin Sudaan ajaja ministeera daldalaa biyyattiirraa darbeen lammilee Itiyoophiyaa biyyattii keessa jiraatan dhibbaan lakkaa’aman to’annoo jela oolcheera. Sudaanitti Ambaasaadderri Itoiyoophiyaa Shiferraa Jaarsoo, ajaji kun lammilee Itiyoophiyaa balaarra buuseera jechuun dubbatu.

‘Poolisiin Sudaan Lammilee Itiyoophiyaa 100’n Lakkaa’aman Hidhe’ Imbaasii Itiyoophiyaa Kaartuum
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:04 0:00

Ambaasaadder Shiferraan ajaja seer maleessa darbe kanaan lakkoofsa lammilee Itiyoophiyaa hidhamanii gaafatamanii yoo dubbatan, namootni dhibbaan lakkaawaman mana hidhaa magaala Kaartuum naannoo Omdurmaan akka jiran dubbatan. Kanaanis harra waanuma lammilee Itiyoophiyaa kana muummee Ministira Sudaan duuka wala arganii mariyachuu ifoomsanii jiru.

Lammileen Oromoo Sudaan jiraatanis waanti keessa jiran cimaa ta’uu dubbatan. Kartuumitti mana buna dhugaatii itti gurguran qabaachuu ka hime Qaayid Faajjii torbee lamaan dura dhufanii mana hojii inni itti hojjetu keessaa hojjettoota duraa fuudhanii deemnaan kaffaltii kaffalee hidhaa akka baase, ammas hidhaan kun ammoo lafaa jalqabnaan hojii buna dhugamu gurguruu hojjetaa ture akka dhaabe VOA’f hime.

Lammileen Itiyoophiyaa Sudaan jiraatan akka jedhanitti Sudaan Itiyoophiyaanota achi jiraataniif waraqaa eyyamaa addaa kenniti. Dhiyeenyaa as garuu gatiin waraqaa kanaa haala malee dabaluu, akkasumas warri mootummaa waraqaa kana nu dhowwataa jiru jechuun dubbatu. Waraqaan kun eyyama hojii akka hin taane himanii garuu lammileen Itiyoophiyaa eyyamuma mootummaa Sudaaniin waraquma kanaan akka hojjetaa turan dubbatu. Lammiin Oromoo Sudaan jraatu Ahmed Abbaa Giddiis hedduun namaa rakkoo keessa jiraachuu hima. Waan kana akka nuuf furuuf Imbaasii Itiyoophiyaa Sudaan jiru gaafannee deebii nama nuu kennu dhabnee jechaanis dubbata.

Komii lammilee Itiyoophiyaa dhimma waraqaa eyyama jireenyaa fi hojiirratti kaasana kana Ambaasaadder Shifarraa Jaarsoo gaafannee, waanti kun sirrii akka hin taane deebisan. Ambaasaadder Shiferraan Imbaasiin haala mijeessee jennaan warri kun kaffalee fudhachuu didee jedhan. Sababa isaan didan jedhaniifis yoo ibsan, baasii irraa baqachuu fi darbees qorannaa yeroo eyyama kana kennamuu baqaa jechuun dubbatu

Ambaasaadder Shiferraan dabalanii duula poolisiin biyyattii jalqabeen ka hidhaman lammilee Itiyoophiyaa kana hiiksisuuf harra muummee ministiraa Sudaan Abdallaa hamdook waliin mariyachuu dubbatanii, Imbaasiin itiyoophiyaa SUdaan jiru haala lammileen Itiyoophiyaa hidhaa jiran itti hiikamanis ni hordofaa jedhanii jiru.

XS
SM
MD
LG