Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Yuuniversitiwwan Naannoo Amaaratti Barataa Adii Waaqoo fi Barattota Oromoo kaan warri ajjeese seeratti dhiyaachuu qabu'


Barattoota yuuniversiti naannoo Amaaratti ajjeeffaman keessa - Huseen Amaan fi Adii Waaqoo
Barattoota yuuniversiti naannoo Amaaratti ajjeeffaman keessa - Huseen Amaan fi Adii Waaqoo

‘Yuuniversitiwwan Naannoo Amaaratti Barataa Adii Waaqoo fi Barattota Oromoo kaan warri ajjeese seeratti dhiyaachuu qabu’ barattoota fi jiraattota Godina Booranaa

Barattoonni godina booranaa harra hiriira bahuun mootummaan ajjeechaa barattoota Oromoo dhaabbilee olaanoo Kaaba biyyattii keessatti ta’a jira jedhan akka dhaabsisu gaafatanii jiru.

‘Yuuniversitiwwan Naannoo Amaaratti Barataa Adii Waaqoo fi Barattota Oromoo kaan warri ajjeese seeratti dhiyaachuu qabu’
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:35 0:00

Hiriira magaala Yaaballootti ta’e kanarratti barattoonni fi jiraattonni ka hirmaatan yoo tahu, mootummaan haala ajjeefamuu Adii Waaqoo: barataa Oromoo ka yuuniversitii Waldiyaatti ajjeefame akka qoratus gaafataniiru. Boruu Galgaloo barataa mana barumsaa qophaayinaati.

Kutaa 11 akka baratu kan hime barataan kun dhaabbilee barnootaa naannoo Amaaraa keessa jiran ka baratan barattoonni Oromoo miidhaan irra dhaqqabuun, haalli nageenyaa isaanii rakkisaa ta’uun hiriira kana akka baanu nu taasise jedha.

Barataa Yuniversitii Goonder lubuun baate barattoota doormii isaa fuul dura jiranitti tanaan shakkaman qorachuutti jiran

Boruun mootummaan haga yoonaa deebii gahaa kennuu dhabuun lubbuun barattoota Oromoo shanii akka darbu hedduun ammoo barumsa dhiisanii gara maatiitti akka galan taasise jedhe. Barattoota Oromoo Yuuniversitii naannoo Amaaraatti lubbuun darbe jedhame keessaa takka dhalataa Godina Booranaa ka tahe Adii Waaqoodha.

Adiin Yuuniversitii Waldiyaatti barataa gosa barnoota Peedagoojii yoo tahu, dilbata darbe lubbuun isaa darbee kibxata darbe kana Booranatti awwaalame. Hiriyoonni isaa VOA’f akka himanitti Adiin eegdota mooraa yuuniversitii baratuun erga tumameen booda dhukkubsatee lubbuun isaa dabarte. Halakee Waariyoo barataan Yuuniveritii Weldiyaa Adi faana ture yoo dhugaa bahu, eegdonni yuuniversitichaa namoota kaan faana tahuun muka qawween Adii Waaqoorraan lapheerra rukutanii dhiigni afaanii fi funyaaniin bahee jedhe.

Rakkoon Tibbana Yunivarsitiilee Itiyoophiyaa Keessatti Mul’ate Rakkoo Siyaasaa Wal-xaxaa Biyyattii Keessaa Irraa Madde, Jedhame

Kun ka tahe Sadaasa 25 bara 2012, yoo tahu sana boodas Adiin gara mana yaalaa geeffamus miidhaa irra gahe adoo hin dandamatin dilbata halkan lubbuun isaa darbuu hiriyaan isaa Halakeen VOA’f dabalee himeera.

Barataan Oromoo Yuuniversitii Waldiyaatti ajjeefamuun kun ka jalqabaa miti, sadaasa 9 bara 2019 rakkoo yuuniversiticha keessatti uumameenis barattoonni Oromoo lama du’uunis ni yaadatama.

Boruun barataan hiriira Yaa’aballootti gageeffamerra ture, kana balaaleffachuuf baanee jedhe. Hiriirri kunis dheengaddaa, Boorana Aanaa Areeroo fi kaleessa ammoo Aanaa Magaalaa Yaa’a Ballootti gaggeeffame jedhe.

Jiraataan kaan Sagalee Ameerikaaf yaada isaanii kennan akka jedhanitti barattoonni kun yoo hiriira bahan warra bulchiinsa naannoo waa sadii gaafatani. Tokko mootummaan nageenya barattoota Oromoo Yuuniversitii naannoo Amaaraa keessa baratan akka eegu, barattoota Oromoo naannoo Amaaraa baratan ka nageenyaaf jecha baqatanii maatii bira jiran Yuuniversitiwwan Oromiyaa keessa jiranitti akka ramaduu fi barattoota Oromoo yuuniversitiiwwan naannoo Amaaraatti ajjeefaman warra lubbuu baase seeraaf haa dhiheessuu ka jedhudha.

Angawi mootummaa barattoota kana gaaffii harkaa fuuchuu dubbatan Kantiibaa Magaalaa Yaa’a Balloo ka ta’an Obbo Soraa Galgalooti. Obbo Soraan hiriirri kun nageenyaan goolabamuu dubbatanii. Bulchiinsi naannoo waa’ee warra barattoota Oromoo yuuniversitiwwan naannoo Amaaraatti ajjeefaman akkamitti hordofaa jira jechuun gaafatamaniis, bulchiinsi aanaa fi Godinaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa gaafataa jiraa jechaan deebii kennan. Haala du’uu barataa Adii Waaqoos adda baasuuf mootummaan naannoo ka Federaalaa gaafachuu quba qabaachuullee dabalanii dubbatu.

Barattootni hiriira kana gubba turanis mootummaan gaaffii gaafanne kana ilaalee nuuf deebisuu baannaan gaaffii qabnu karaa nagaan dhiyeeffachuu itti fufna jedhan. Harras Sadaasa 12 bara 2019, waanuma ajjeecha barattoota Oromoo kana ilaalchisuun Boorana Magaala Dirreetti hiriira gaggeessanii jiru.

Mootummaan Federaalaas jalqaba torbee kanaa dhaabbileen barnootaa olaanoo mootummaa biyyattii humna poolisii federaalaan akka eegaman ajaja dabarsuunsaa ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG