Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahii Gumii Biyyoota Afriikaa, Kaariibiyaani fi Paasifiik /ACP/


Walgahiin gumii biyyoottan Afriikaa, kaariibiyaanii fi paasifiik Kaleessaa qabee guyyoota lamaaf magaala naayroobitti gaggeeffamee jira.

Biyyoonni miseensa gumii kanii walitti dhufeenya karaa adda addaa qaban cimsuuf walii ka galan yoo tahu, Pirezdentii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaa walitti qabaa taasisuun wla gahii waban harra goolabanii jiran.

Prezdentii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaatttaa dura bu’aa gumii biyyoota Afriikaa, Kaaribiyaa fi paasifiik ta’uun muudaman. Wal gahiin gumii biyyoota Afriikaa, Kaaribiyaanii fi paasifik ykn Gabaajee Afaan Ingiliziin ACP jedhamu kaleessaa fi harra guyyoota lamaaf Naayroobbiitti taa’amaa ture harra galgala goolabamee jira.

Walgahii Gumii Biyyoota Afriikaa, Kaariibiyaani fi Paasifiik /ACP/
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:05 0:00

Gaggeessitoonni biyyoottanii akkasumas bakka bu’oonni mootummoolee fi dhaabbolee wal gahii kanarratti hirmaatan dhimma diinagdee fi daldalaa, waan faalama qilleensaa fi dubbii kaanirratti mariyatanii jiru. Gaggeessaa gumii biyyoottan kanaa haarawa ta’uun ka muudaman prezdent Keeniyaattaanis miseensonni gumii ACP kun gama diinagdee fi qunnamtii sabootaa waliisaanii jidduu jiru guddisuu qabu jedhan.

Keeniyaattaan miseensi gumii kanaa omishaalee qonna qofa omishuu odoo hin taane, teeknooloojiinis wal baranii omishaalee qonnaa kana fooyyessanii gabaa addunyaatti dorgomoo ta’uu qabu jedhu. Jiraattota isaaniitiifis manneetii jireenyaa, tajaajila fayyaa fi barnootaaa gahaa, dargaaggootaaf hojii uumuu, fi rakkoo faalama qilleensaan dhufu ammoo waliin morkuu qabu jedhan. Dabalaniis Keeniyaattaan itti gaafatama itti kenname akka bahanis kakuu galanii jiru.

Gumiin biyyoota Afriikaa, Kaaribiyaani fi paasifiik bara 1975 ka dhaabbate yoo tahu, miseensa biyyoota 79 of keessaa qaba.

XS
SM
MD
LG