Xurree ittiin seenan

Breaking News

MM Dr. Abiyyi Badhaasa Noobeelii Nagahaa Fudhatan


MM Dr. Abiyyi Ahimad, Osloo, Muddee 10, 2019
MM Dr. Abiyyi Ahimad, Osloo, Muddee 10, 2019

Koreeen Noobeelii Noriwee magaala Oslootti argamu badhaasa Noobeelii Nagahaa 100ffaa muummee ministiraa Itoophiyaa Dr Abiyyi Ahimadiif kenneera.

Sirna badhaasaa guyyaa haraa geggeeffame irratti itti gaafatamtuun koree Noobeelii Beerit Reyisaa Andirsan yeroo haasaaha godhan,

“ Dura, gahee murteessaa Eertiraa fi Itoophiyaa eedduutti nagaha buusuuf tabatte, lammata irratti, Itoophiyaa keessatti dimookiraasii ijaaruuf tattaaffii godhaa jirtu, sadaffaa, Bahaa fi Kaaba-Baha Afrikaa keessatti nagahaa fi araara buusuf gahee tabatteef badhaasni kun siif kenname,” jedhan.

Itti gaafatamtuun koree Noobeelii Beerit Reyisaa Andirsan fi MM Dr. Abiyyi Ahimd
Itti gaafatamtuun koree Noobeelii Beerit Reyisaa Andirsan fi MM Dr. Abiyyi Ahimd

Dr. Abiyyii, badhasa Noobeelii Nagahaa argachuu isaaniitin kabaja itti dhagahame ibsanii, “Badhaasa kana maqaa lammiiwwaan Itoophiyaa fi Eertiraa, keessumattuu warra nagahaaf jecha waan baayyee keessa darban, akkasumas, maqaa Pirezdanti Isayyaas Afawarqiitin fudhadha,” jedhanii hawwii gaarii, wal amantaa fi kutannoon pirezdaant Eertiraa haala oggoota 20 biyyoota lamaan edduu turetti xumura gochuuf gahee guddaa tabachuu eeran.

XS
SM
MD
LG