Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchaan Magaalaa naayroobii to’annaa jela oolfaman


Poolisiin Keeniyaa bulchaa magaalaa Naayroobii to’annaa jela oolchuu beeksise. Maayk Soonkoo harra yakka malaammaltummaan shakkamuun to’annaa jela oolanii jiru.

Harra ganama poolisiin keeniyaa bulchaa magaalaa naayroobii to’annaa jela oolcheera. Siyaasa biyyattii keessatti yeroo hedduu mata duree oduu ka ta’anuu fi naayroobii bara 2017 kaasuun ka bulchaa jiran maayk soonkoon yakka malaammaltummaan shakkamanii to’annaa jela oolfamaniiru.

Bulchaan Magaalaa naayroobii to’annaa jela oolfaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:09 0:00

Koomishiniin farra malaammaltummaa keeniyaa Maayk soonkoorratti dhimma qabeenya ummataa seeraan ala fayyadamuurratti qorannaa irratti gaggeessaa ka ture yoo tahu, qorannaa isaas abbaa alangaa mootummaa biyyattiif dhiyeessee harra ajaja Nuurdin hajii; Diirektera abbaa alangaa mootummaa biyyattiitiin to’annaa jlea oolaniiru. Hajiin akka jedhanitti, Soonkoon qabeenya ummataa doolaara miiliyoona 3.5 tti tilamaamamu qisaasessan.

Abbaan Alangaa Mootummaa Nuurdin hajiin bulchaa Naayroobii soonkoo waliin namoota fi dhaabbatooti hidhata qaban seeratti akka dhiyaataniif ajaja dabarsanii jiru. Kanaanis anagawootni bulchiinsa magaalaa naayrobii torbarrattis himannaan irratti banamee jira.

Koomishinii farra malaammaltummaa mootummaa keeniyaa Soonkoorratti qorannoo ji’oottan muraasa dura ka jalqabe yoo tahu, yoosis Soonkoon bara 2017 yoo bulchaa magaala naayroobii ta’an qabeenya qaban himuu dhabuun isaan gaafachiisuuf jira. Maqaan isaanii daldala qoricha sammuu adoochuu fi malaammaltummaa duuka ka’u soonkoon koomishiniin farra malaammaltummaa na hin qoratin jechaan mana murtiif himatanus, manni murtii iyyanna isaani kuffisee jira.

Maayk Soonkoon yoo hedduu haala jireenya isaanii keessatti warqee fi uffannaa mata duree oduu isaan taasisu uffachuun beekamu

XS
SM
MD
LG