Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hookkarri Hoji Dhaabinsaa Sochii Faransaay Keessaa Danqe


Hookkarri guutuu biyyaa Ferensaay kan jijjiirama bu’aa yeroo gadamoojja’anii ilaalchisee gegeessamu guyyaa lammataaf hojii biyyattii keessaa danqe.

Wixineen jijjiirama kanaaf dhiyaate uummanni miliyoonaan laka’amuu waggaa dheeraa akka hojjetu ta’uu baannaan garuu bu’uaa inni argatu xiqqoo ta’a jedha, kunis hookkara hoji dhaabinsaa dhaqqabsiise.

Uummati kuma 800 dta’u mormii kana irratti kan hirmaate yoo ta’u waldaaleen hojjettootaa karoora prezidaant Emmanuel Macron kana mormuu dhaan hiriira mormii waamanii jiran.

Mormiin guyyoota lamaaf walitti aansuun geggeessame tajaajilli geejjibaa akka cufamu gochuu dhaan manneen barnootaa hedduun akka cufaman hojjettoonni hospitaalotaa murtaa’an qofti hojiitti akka bobba’an dirqisiisee jira.

Kaleessa Paarisii fi magaalaalee ka biroo kudhanii ol ta’an keessatti hiriirri kun nagaa dhaan geggeessamee jira.

Paaris gama bahaa bakka hiriirtonni kumaan laka’aman wal ga’anitti garuu hookkarri ka’ee ture. Mormitoonni kun hangi tokko bakkawwan ijaarsaatti ibidda yoo qabsiisan, poolisiin gaazii imimmaansu biifuu isaa kanneen ijaan argan dubbataniru.

XS
SM
MD
LG