Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa Bahaa Keessatti Lolaa Roobnii Hamaa Uumee fi Laftii Citee Garagaluun Lubbuu Namoota 200 Galaafate


Afrikaa Bahaa Keessatti Lolaa Roobnii Hamaa Uumee fi Laftii Citee Garagaluun Lubbuu Namoota 200 Galaafate
Afrikaa Bahaa Keessatti Lolaa Roobnii Hamaa Uumee fi Laftii Citee Garagaluun Lubbuu Namoota 200 Galaafate

Roobnii baranaa jabaa yoo ta’u kunis Galaana Hindii keessatti ho’a bishaanii dabaluun hurkii uumamauu jabaatee handaara galaana biyyoota gaanfa Afrikaatti rooba dabalataa lafa irratti akka argamu godhe jedhu hayyonni.

Biyyoota gaanfa Afrikaa keessatti uummanni Miliyoona sadii ta’u Robaa fi lolaa bishaan akkasumas laftii cite garagaluu isaan torbanneen dhiyeenya kanaa keessa rakkataa jiru.

Afrikaa Bahaa Keessatti Lolaa Roobnii Hamaa Uumee Namoota 200 Galaafate
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:22 0:00

Namoonni hedduun kan du’an yoo walakkaa kan ta’an Keniyaa keessatti.Naannoo Sanaa Qurxummii qabaa kan ture Vinsant Musilaa guyyaa sadiif odoola xiqqoo keessatti qabamee eega turee booda baraarsame.Akka inni jedhutti Qurxummii qabuuf Jimaata dabree gamas deeme. Yeroo achii deemee bishaan tokko hin turre.sana booda bishaan hatattamaan guutee garagalee. Daqiiqaa lama keessatti bishaaniin marfameen ce’uu dadhabe jedhe.

Lolaa Roobnii Hamaan Sudaan Kibbaa Keessatti Uumee
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:38 0:00

Manneen diigamanii oomishniis manca’ee.Daanidilee fi Riqiichi caccabanii gandee baadiyyaa dhaqqabuun akkasumas gargaarsa dhaqqabsisuun rakkisaa ta’e.Jiraattonni gandeen ofii keessatti bishaaniin nyaataman gara lafa gogaatti dheessan. Namnii haadha warraa isaa dhiyeenya kana awwaalee JoseefAbongoo jedhamu lolaan bishaanii kun reeffa haadha warraa isaa awwaalamee baasuu mala jechuun soda qaba.

Guutummaan kutaa Sanaa hanqiinni nyaataa isa mudatee jira.David Aguko lammii Itiyoophiyaa yoo ta’u lafa Qonnaa midhaan irra facaafannu hin qabnu.Loon keenya iyyu lolaa bishaaniin waan fudhatamaniif rakkoo guddaa nu argatee jira jedha.

Roobnii hamaan kun sudaan Kibbaa mudatees lolaa bishaanii hamaa geesisuun hawaasa duraan hokkara baqachuun qe’e ofii irraa godaanee ture ammas akka godaanu dirqisiise.

Waajirri Tokkummaa mootummotaa kan Sudaan Kibbaaf Akoboo keessa jiru uummata miidhamee kan kuma hedduu ta’eef tajaajiila bu’uraa kennuuf ijibbaataa jira. Bakka bu’aan Tokkummaa mootummotaa kan Sudaan Kibbaa David Shearer teessumii lafa iddoo sanaa gad jedhaadhaa ta’u ibsanii dabalataan Lolaan Bishaanii Itiyoophiyaa irraa gara keenyatti gad yaa’aa.Dhugumaan kun Waan gaddisiisaa dha. Achitti deebinee jaarmayoota gargaarsa arjoman waliin dubbanna jedhan.

Sagantaan nyaata addunyaa gargaarsa nyaataa hanga tokko karaa jaarmayaa Briteen keessa maadheeffatee Oxfaamiin ergee jira.

Garu jedhan gargaarsii barbaachisuu isa eenyuu iyyu yaaduun olii.

Biyyoota gaanfa Afrikaa keessatti Baatii Onkolooleessa fi Muddee keessa Roobnii jiraaachuunbeekamaa dha. Garu akkaas hin heddumaatu jedhamee jira.

XS
SM
MD
LG