Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Dhukkuba Eedsii Wajjiin Walqabatee Mudatuun Ijoolleen 300 Caalan Guyyaa Guyyaan Du’u: UNICEF


Dhukkubii Eedsii addunyaa irra jiraachuun isaa eega beekamee waggaa afurtama kan caalee yoo ta’u yeroo sana namnii dhukkuba kanaan qabame carraan qabu du’a qofa ture.Booda keessa garu dhukkuba kanaaf Dawaan waan argameef jecha jiraachuun danda’amee jira.

Muddeen tokko addunyaa irratti “Guyyaa Eedsii Addunyaa” jedhamee kabajamuu eega jalqabee barana waggaa soddomii tokko guute.

Kunis uummanni addunyaan irra jiru waa’ee dhukkuba Eedsii akka hubatu, qorannaan dhigaa akka barbaachisaa ta’u hubachisuuf akkasumas wal’anssa fayyaa argachuu akka qaban hubachiisuuf kana malees hojii dadamaqinsaa adda addaa gaggeesuuf ture.

Jaarmayaan daa’immanii kan Tokkummaa Mootummotaa ykn Yuniseef gabaasnii baase yaaddeessaa ta’e jira. Gabaasichi akka jedhutti dhimma Eedsii wajjiin wal qabatee rakkoo uumamaniin ijoolleen 300 caalan guyyaa guyyaan du’u.Kanaaaf kanneen umrii aalfii keessa jiran hatattamaan dhiiga qorachisuu akkasumas Dawaa fudhachuu jalqabuu akka qaban hubachise.

Oduu gabaastuun Raadiyoo Sagalee Amerikaa Anitaa Paawal Waaltaa Johaanesbarg keessa jiru tokko daw’atte.Moraa sana keessa kanneen umrii ijoollummaan vaayrasii dhukkuba Eedsii fidu dhiiga isaanii keessaa argamntu achitti geeffamuun guddifaman keessaa haasoofsiiftee jirti.

Caqasaa

Rakkoo Dhukkuba Eedsii Wajjiin Walqabatee Mudatuun Ijoolleen 300 Caalan Guyyaa Guyyaan Du’u: UNICEF
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:09 0:00


XS
SM
MD
LG