Xurree ittiin seenan

Breaking News

Turtii Jilli Aangawoota Mootummaa Itiyoophiyaa Ugaandaatti Taasisan


Prezdentii Ugaandaa Yoweri Museeveenii fi Aafa Yaa’ii bakka bu’oota ummataa Itoophiyaa Obbo Taaggesee Cafoo
Prezdentii Ugaandaa Yoweri Museeveenii fi Aafa Yaa’ii bakka bu’oota ummataa Itoophiyaa Obbo Taaggesee Cafoo

Torbee darbee kaasee Aafa yaa’ii Mana Maree bakka bu’oota ummataan ka durfamu gareen diiplommatotaa Ugaandaa daawwate jira. Taaggesee Caafoo fi tuuti isaanii turtii isaanii haga dhuma torbee darbee ture kana keessatti Prezdenti Muuseveenii dabalatee angawoota mootummaa hedduun maree taasisaniiru.

Tuutni angawoota mootummaa Itiyoophiyaa walakkeessa torbee darbee Intebee seene angawoota mootummaa Ugaandaa duuka marii gaggeesseera.

Turtii Jila Aangawoota Mootummaa Itiyoophiyaa Ugaandaatti Taasisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:09 0:00

Tuuti Aafa Yaa’ii bakka bu’oota ummataa Taaggesee cafoon durfamu kun Prezdentii Ugaandaa fi angawoota biyyattii kaan waliin wal argee marii taasisuu Ugaandaatti Ambaasaadderri Itiyoophiyaa Alemtsehaay Meseret dubbatanii jiru.

Jila aangawoota mootummaa Itiyoophiyaa Ugaandaa daawwatan
Jila aangawoota mootummaa Itiyoophiyaa Ugaandaa daawwatan

Biyyooti lameeen kun daangaa waloo hin qabani, lameenuu karaa Sudaan kibbaa yookiin karaa Keeniyaa wal argu. Kun tahus garuu, biyyootni kun walitti dhufeenya waliinii baayyee cimaadha qabu.

Daawwannaa haga sanbata darbee ture kanarratti angawoonni waajjiraalee ministeera mootummaa, namootni bebbeekamoo fi abbootiin amantaas irratti ka argaman yoo tahu angawoota Ugaandaa hedduu waliin waan walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Ugaandaa gama diinagdee, siyaasaa, fi daldalaa akkamitti akka fooyya’u mariyatanii jiru jedhan Ambaasaadder Alemtsehaay.

Wal dhabbii Misir, Sudaani fi Itiyoophiyaan hidha laga abbayyaa akkatti guuturratti qaban waanti mariyatan jiraa jechaan Ambaasaadder gaafatamanii yoo deebisan, ‘wal dhiibdeen dhimma hidha abbayyaa Itiyoophiyaa, Sudaan fi Masir jidduu jiru kopha kophaatti akka gaggeeffamaa jiru dubbatanii maree Museeveeniin Obbo Taaggesee Cafoo taasisanirratti dubbiin kun hin kaane jedhan.

Garuu manni maree Ugaandaa labsii fayyadama bishaan Naayil ka biyyootni 10 walii galanii baasani raggaasisuuf fedha akka qabu waan beeksiseef sanaaf Obbo Taaggeseen mootummaa ugaandaa galateeffataniiruu jedhan.

Ambaasaadder Alemtsehaay dabalanii, walitti dhufeenyi Ugaandaa fi Itiyoophiyaa gaarii tahus gama daldalaan hagas shariikummaa hin qaban jechuun dubbatan. Kana furuufis ministiroonni biyyoota lamaeenii daangaa nananoo Itiyoophiyaa Keeniyaa fi Sudaan kubbaa walitti fiduun pirojektii daandii haaraa hojjechiisuu walii galan akka saffisuuf wal yaadachiisanii jedhan.

XS
SM
MD
LG