Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitiin Odaa Bultum Torban Lammaf Barnoota Kennuu Dhaabuuf Murteessuu Beeksise


Godinaa Harargee Lixaa, magaalaa Ciroo keessatti kan argamu, Yunivarsitiin Odaa Bultum, guyyoota kudha shaniif barnoota kennuu akka dhaabu beeksisee jira.

Gabaasaan VOA, Addis Chekkol hooggansa Yunivarsitichaa dubbisuun akka gabaasetti, “wal-dhibdee barattoota gidduutti uumame karaa adda furuuf yaallee waan itti milkaa’uu dadhabneef, yeroo barnoota dhaabufu dirqamne,” jedha – hooggansi Yunivarsitichaa.

Yunivarsichi yeroof kan cufame tahus, barattoota tajaajila nyaataa fi bultii barbaadaniif ka tajaajilli kennamu tahuu Yunivarsitichi beeksisee jira.

Jeeqamni torbanneen dabran Yunivarsitiilee biyyattii hedduu keessatti uumamee ture, kan magaalaa Cirootti argamu – Yunivarsitii Odaa Bultumis dhaqqabee ture. Wal dura dhaabbannaan barattoota gidduutti uumame akka barnootni itti hin fufne ka taasise tahu, ka miidiyaalee hawaasummaa irratti akka miidhaan Yunivarsiticha keessatti dhaqqabe hafarsamaa ture dhara tahuu dubbatan – Yunivarsitichatti, daarektarri Hariiroo Alaa fi sadarkaa Addunyaa – Obbo Fiqaaduu Hirkoo.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG