Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Manni Maree Bakka Bu’otaa Himannaa Dhiyeessu Hatattamaan Itti Haa Fufu Jedhan


Baatilee hedduuf qorannaa aangoo irraa kaasuu prezidaant Traamp irratti mana maree bakka bu’otaan geggeessamaa ture falmaa kan ture White House amma mul’inatti mana murtii seeraa Ripaablikaanotaan himannaan sun akka itti fufu simatee jira.

Prezidaant Doonaald Traamp dimokraatotaan yoo himannaa na irratti dhiyeessitu ta’e dafaa amma itti fufaa,akkuma kanaan yakka ilaalcha haqaa Senetii keessatti argannee biyattiin hojiitti haa fuuleffattu jechuu dhaan ergaa twiterii dabarsan.

Ergaan isaanii kun afaan yaa’ii mana marree bakka bu’otaa Naancy Peloosii utuu ishaan hoogganoonni dimokraatotaa kaleesa keeyata qorannaa aangoo irraa kaasuu prezidaantichi aangoo isaaniitti seeraan ala fayyadamuu hin beeksisin dura darbe.

Peloosin ibsa gabaabaa kennaniin hoogganaan Ameerikaa kun amala prezidaantummaa faallaa deemuu dhaan dirqama waadaa seenaniif cabsanii mormituu isaanii itti aanaa prezidaantii duraanii Joe Biden irratti Yukreen qorannaa akka geggeessitu kunis filannoo bara 2020f akka isaan gargaaruuf godhan jedhan.

Dhugaan jiru hin falmisiisu kan jedhan peloosiin prezidaantichi bu’aa dhuunfaa kan siyaasaaf aangoo isaaniitti fayyadaman, kanas nageenya biyyaa balaa irra buusuu dhaan jedhan.

XS
SM
MD
LG