Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afgaanistaan Keessatti Haleellaan Raawwate Lubbuu Hedduu Galaafate


Afgaanistaan gamakaabaa keessatti walitti bu’iinsi humnootii mootummaa fi Talibaan gidduutti geggeessameen gam lamaanuu irra namoonni 20 dta’an ajjeefamuun gabaasame.

Lolli ganama barii konyaa Kunduz keessatti geggeesame erga lootee seentonni buufata poolisii Afgaanistaan kan Imam Sahib keessaa haleelanii booda.

Dubbi himaan poolisii konyaa Inamuuddin Rahamaanii VOAf akka ibsanitti walitti bu’iinsi sun yoo xiqqaate angawoota poolisii ajajaa poolisii naannoo dabalatee namoota sagal yoo galaafatu hedduun madaa’aniiru jedhan. kanneen haleellaa raawwatan keessaa 11 du’aniiru jedhaniiru.

Talibaan gama isaan ibsa kenneen weerara sanaan humnoonni mootummaa 14 yoo du’an gama isaan namoonni meeqa akka du’an hin ibsine.

Lolli kun ennaa Ameerikaan Talibaan waliin marii nageenyaa tarii torban dhuftu geggeessuuf qophee irra jirtutti.

XS
SM
MD
LG