Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Hararitti Lagannaa Gabaatiin Hojiin Daldalaa, Baankii fi Manneen Hojii Mootummaa Cufaatti Oolan, Jedhama


Faayilii - Gabaa ganda keessaa, Magaala Haraar
Faayilii - Gabaa ganda keessaa, Magaala Haraar

Magaalaa Haratitti har’a ganama irraa jalqabee ugguramee oole, jedha – gabaasaan VOA Addis Chekkol. Daldaltoonni ganama dhaabbatoota isaanii banan akka cufan dargaggootaan itti himamuu isaa fi kanneen cufuu didanitti dargaggoonni dhagaa darbachuu, daldaltoonni maqaan isaanii akka himamu hin feene itti himuu isaanis gabaasee jira. ​

Magaalaa Hararitti Lgannaa Gabaatiin Hojiin Daldalaa, Baankii fi Manneen Hojii Mootummaa Cufaatti Oolan, Jedhama
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:38 0:00

Jiraattonni VOAf yaada isaanii kennan saaminsis tahe qabeenyaa gubuun akka hin turiin kan dubbatan yoo tahu, garuu karaa cufuuf jecha yeroo gommaaleen karaa irratti gubaman kanneen agarsiisan – suuraaleen midiyaalee hawaasaa irratti maxxansamaa turan.

Guyyaa Ayyaana Cuuphaa fi Jala-bultii Isaa Hookkara Hararitti Ka’ee Qabeenyaa Irra Miidhaa Gessise Maal tu Kakaase?

Akka ragaalee VOA dhaqqabaniitti, dhaabbatoonni daldalaa, manneen hojii mootummaa fi baankonni magaalattii keessa jiran guutummaatti cufamanii oolan. Daandiileen gommaa fi meeshaalee adda addaatiin cufaman tokko tokko ennaa humnoota naga-eegumsaatiin banaman, daandiileen ka biroon immoo akka cufamaa turan – maddeen kun gabaasaa VOAf ibsanii jiran. Kana irratti gama mootummaa tii ibsa argachuuf jecha, waajira poolisii, Biiroo Haqaa fi Nageenyaa, akkasumas, aangawoota waajira dhimmooa Koomiyunikeeshinii naannoo Harariitti bilbilee akka itti hin milaaka’iin – gabaasaan VOA himee jira.

Sochiin uggura hojii fi cufanisa kanaa magaalaa Godinaa Harargee Bahaa, keessumaa, Qobboo fi Awwadaay keessa akka ture, maddeen VOAf ibsanii jiran. Sababaa kanaan, geejjibni biyyoolessaa sa’atiilee haga tokkoof danqamuu maddeen kun himanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG