Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaa Ayyaana Cuuphaa fi Jala-bultii Isaa Hookkara Hararitti Ka’ee Qabeenyaa Irra Miidhaa Gessise Maal tu Kakaase?


Magaalaa Harar keessatti jala-bultii ayyyaana Cuuphaa Dilbata ayyaaneffamee fi guyyaa ayyaanichaa – Wixata ganama ennaa taabotni gara Waldaa Kiristaanaatti deebi’ee galfamu walitti-bu’insaa fi hookkara ka’een qabeenyaa waajira poolisii magaalaa Hararii fi gamoo “SMART TOWER” jedhamu dabalee qabeenyaalee dhuunfaa irra miidhaan jabaan ga’uu abbootiin qabeenyaa fi waajirri Nageenyaa Naannoo Hararii VOA-tti himanii jiran.

“Gurmulee seeraa-ala socho’an tu ayyaanichatti fayyadamee, uummatoota amantii fi sabummaan walitti-buusuuf shira jeequmsaa kana karoorfatee hojjete,” jedha mootummaan naannoo Hararii. Waa’ee hookkara kanaa, hoogganotoa amantii, haadha qabeenyaa gamoon irraa caccabsame, hoogganaa paartii mormituu, hoogganaa dhaabbata fi aangawaa nageennyaa bulchiisa naannoo Hararii dubbisnee jirra. Caqasaa.

Guyyaa Ayyaana Cuuphaa fi Jala-bultii Isaa Hookkara Hararitti Ka’ee Qabeenyaa Irra Miidhaa Gessise Maal tu Kakaase?
please wait

No media source currently available

0:00 0:16:12 0:00


XS
SM
MD
LG