Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angelaa Merkel: Itoophiyaan Mariin Hunda Ofkeessaa Qabu Akka Jiraatu Gochuuf Hojjachuu Qabdi


Chaansilaritti Jarman, Angelaa Merkel fi Mummicha ministira Itoophiyaa Haylamaariyam Dasaleny
Chaansilaritti Jarman, Angelaa Merkel fi Mummicha ministira Itoophiyaa Haylamaariyam Dasaleny

Itiyoophiyaan, mariin hunda of keessaa qabu fi yaada wal-jijjiirraan akka jiraatu, sagaleewwan adda addaas akka dhaga’ama argatan gochuuf akka hojjechuu qabu, ka biyyattii daawwatan Chaansilarittiin Jarmanii Angelaa Merkel dubbatanii jiran. Hooggantittiin Jarmanii, muummicha ministaraa Itiyoophiyaa Haile-maariyaam Dessaalenyi waliin ibsa gaazzexeessotaaf kennaniin, biyyii isaanii haala itti mormii bittimmeessan irratti poolisoota biyyattiif leenjii kennuuf qophii ta’uu isaa hubachiisanii jiran. Itiyoophiyaan, sirna filannoo, ka caalmaa sagalee irratti hundaa’e fooyyessuuf qophooftee jirti jechuun ka dubbatan immoo, muummichaministaraa Hayile-maariyaam Dessaalenyi

kaleessa walakkeesa halkanii Finfinnee kan seenan chansilerittiin Jermanii wal ta’iinsa dinagdee fi haala naannoo fi Itiyoopiyaa keessaa kan yeroo ammaa irratti muummicha ministeeraa H/Maariyaam Dessaaleny waliin dubbatanii jiran.Hoogganoonni lamaan marii sana booda masaraa Mootummaa Finfinnee jiru keessatti ibsa kennanii jiru.

Ennaa marii Sanaa dhimmootii ka’an keessasa tokko haala yeroo Itiyooopiyaa keessaa ta’uu hooggantittiin Jarmanii kun beeksisaniiru. Biyyi isaanii humnootii naga eegumsa Itiyoopiyaaf leenjii kennuuf fedhii qabaachuu kan dubbatan illee haaluma yeroo kana waliin wal qabsiisuun ture.

Hiriirawwan Mormii Itiyoopoiyaa keessatti geggeessaman irratti walitti bu’iinsi kan uumamee fi lubbuun namaa kan bade humnootii nagaa eegsisan irraan balaa kan ga’an humnootii hidhataniin kan jedhan immoo muummicha ministeeraa H/Maariyaam Dessaaleny turan. Humnootiin naga eegsisan kanneen human hammaa ba’a fayyadaman yoo jiraatan dhimmi isaa kan qoratamu ta’uu fi tarkaanfii madaalawaa fudhachuun immoo mirga seeraa ta’uu dubbatan.

Itti fufuun akka ibsanitti barcummi paarlaamaa IHADEG qofaan kan qabameef sababaa sirna filannoo geggeessameeni jedhan. Sirna sagalee caalmaa kan jedhu akkaataa hojii Itiyoopiyaan naannolee filannoon itti geggeessamu irraa filatamee kan paarlaamaa seenu paartii sagalee walakkaa irratti sagalee tokko ida’ee argate jedhan.

Sagalee dhibba irraa harka 49 illee paartiin argate jiraannaan paarlaamaa keessatti bakka bu’ummaa hin qabaatu. Kana kan ibsan muummichi ministeerichaa akkaataa

Jarmaniin gama wal ta’iinsa dinagdeetiin deggersa gochuuf kan hojjettu ta’uu chansilerittiin kun dubbataniiru. Keessumaa invesitmentiin dhuunfaa akka jiraatu hojjechuu yeroo prezidaantummaa isaanii biyyoota durooman kan G-20 irratti hojii dursanii ilaalcha itti kennan ta’uu ibsaniiru.

Daawwannaa isaanii Maalii Nijerii fi Itiyoopiyaa kan xumuran chansileer Angelaa Merkel har’a gara biyya ofiitti deebi’aniiru.

Gabaasa sagalee dhaggeeffachuudha kana cuqaasaa

XS
SM
MD
LG