Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hariiroon Addaa Briteen fi Amerikaa Gidduu Haara’uu Qaba: Mummittii ministeera Briteen


Mummittii ministeera Briteen
Mummittii ministeera Briteen

Mummittiin ministeera Briteen Tereesaa May hariiroo addaa biyyi isaanii yunaaytid Isteetes waliin qabdu akka haara’uuf gaafachuuf jiru.

Kunis Briteen gamtaa Awuroopaa gadhiisuuf qophaa’aa yeroo jirtu kanatti akkasumas Traamp prezidaantii Amerikaa ta’uun yeroo hojii jalqabe kanattti jedhu.

Mummittiin ministeera Briteen har’a gara Flaadelfiyaatti kan imalan yoo ta’u kunis Jimaata borii white House ituu hin daw’atiin dura ta’uu isaa ti.

Anagawooti biyya alaa kan Traamp prezidaantii eega ta’anii as Washington keessatti argamuuf jiran ka jalaqabaa ta’uuf jiru.

Kongreessa Amerikaa keessa kan jiran miseensoonni paartii Ripaablikaan har’a Falaadeelfiyaa keessatti sagantaa bashannanaa qabaatan irratti Tereesaa May haasaa dhagesisuuf jiru.

Prezidaant Traamp fi itti aanaan isaanii sagantaa bashannanaa kana irratti kan argaman ta’uun beekamee jira.

XS
SM
MD
LG