Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hayyu Dureen ABO, Obbo Daawud Ibsaa Baatiilee 11f Manatti Ugguramuu Mirkaneeffachuu Isaa Boordiin Filannoo Beeksise


FAAYILII - Hayyu-duree Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Daawud Ibsaa b
FAAYILII - Hayyu-duree Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo Daawud Ibsaa b

Hayyu-dureen Adda Bilisummaa Oromoo – Obbo Daawud Ibsaa baaatiilee kudha-tokkoof mirga socho’uu ugguramanii mana jireenyaa isaanii keessa turuu isaanii ka mirkaneeffate sa’uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa xalayaa barreesseen beeksisee jira.

Adda Bilisummaa Oromoo ammoo Boordiin Filannoon xalayaa kana barreessuun “tarkaanfii tokko” jechuun, tarkaanfii itti aanee fudhatamu kan eegu tahuu dubbata. Waa’ee manatti ugguramuu hayyu-duree ABO xalayaa Boordiin Fialnnoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa barreesse kana ilaalchisee, qaama tika nagaa mootumma afi koomishinii poolisii federaalaa Itiyoophiyaa irraa ibsa argachuuf carraaqqii gooney, haga ammaatti hin arganne.

Hayyu Dureen ABO, Obbo Daawud Ibsaa Baatiilee 11f Manatti Ugguramuu Mirkaneeffachuu Isaa Boordiin Filannoo Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:30 0:00

XS
SM
MD
LG