Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaadhimamaan Mana Murtii Muummicha Ameerikaa Traampiin Qeeqan


Niel Gorsuch, kaadhimamaa Mana Murtii Muummicha Ameerikaa
Niel Gorsuch, kaadhimamaa Mana Murtii Muummicha Ameerikaa

Prezidaantiin US Donaald Traamp abbaa murtii mana murtii muummicha gochuun kan moggaasan Niel Gorsuch prezidaantichi ogeessota seeraa irrati kan dhiyessan qeeqi hamaan hamilee kan nama buusuuf abdii kutachiisu jedhan.

Gorsuch kana kan dubbatan kaleessa demokraaticha senator Blumenthal waliin dhuunfaan wal arganii ennaa dubbatanitti ture.

Jecha Gorsuch kana ifaa kan taasisan Senator Blumethal yoo ta’an waajjirri abbaa murtii prezidaanti Trumpiin moggaafamaniis kana dubbachuu isaanii mirkaneessee jira.

Prezidaanti Traamp ergaa Twitter har’a dabarsaniin Senator amantaa qabaachuu gaaffii galchanii jiran. Prezidaant Trump biyyoota torba irra hedduu musliimoota ta’an irraa Ameerikaa akka hin seenne kan dabarsan ajaji yeroofii hojii irra akka hin oolle akka tursamu kan taasisan abbaan Murtii James Robertiin ka Trump maqaaf abbaa Murtii ti ittiin jechuu ilaalchisee ture Gorsuch gaafatamanii deebii kan kennan.

XS
SM
MD
LG