Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Mooraalee Baqattootaa Keeniyaa Keessaa Gara Yunaayitid Isteets  Deemuuf Ehama Argatan  Uggura Imalaa Prezidaant Traamp Jalatti Maal Akka Tahan Beekuu Dhabuun Dhiphataa Jiran   


Baqattoonni Mooraalee Baqattootaa Keeniyaa Keessaa Gara Yunaayitid Isteets  Deemuuf Ehama Argatan  Uggura Imalaa Prezidaant Traamp Jalatti Maal Akka Tahan Beekuu Dhabuun Dhiphataa Jiran   
Baqattoonni Mooraalee Baqattootaa Keeniyaa Keessaa Gara Yunaayitid Isteets  Deemuuf Ehama Argatan  Uggura Imalaa Prezidaant Traamp Jalatti Maal Akka Tahan Beekuu Dhabuun Dhiphataa Jiran   

Uggurri imalaa Prezidaantii Yunaayitid Isteets – Donaald Traampiin kaa’amee fi danqaaleen seeraa tarkaanicha mudataaa jiru – mooraalee baqattootaa Keeniyaa lama. Kaakumaa fi Dadaab keessatti yaaddoo guddaa uumaa jira. Baqattoonni Yunaayitid Isteets keessa qubachuuf ehama argatan, hegereen isaanii maal akka tahu beekuu dhabuu irraa yaaddoo keessa jiran.

Biyya keenya haleellaa shororkeessummaa irraa eeguuf, tarkaanfiin kun barbaachisaa dha – jedhu – Prezidaant Traamp. Dhaabbatoonni baqattootaa garuu, baqattoonni eega qorannaa cimaa keessa dabaranii booda, ehama qubannaa argatu – jechuun falman.

Mooraa baqattootaa Kaakumaa keessa ka jiru, baqataan lammii Sudaan – Maayikil Abdu-qaasim Kuukkuu, waaltaa dhimma qubachiisa baqattootaa, ka magaalaa Naayiroobii jiru deemuuf, Amajjii soddomatti beellamamee ture. Achii booda, silaa, haadha manaa isaa, as Yunaayitid Isteets, kutaa Hayiwaa, magaalaa Des Moones jirtutti dabalama ture. Garuu, sabababaa uggurichaaf deemuu hin dandeenye.

“Baay’aa hamtuu tu matti dhaga’ame, baay’ee na miidhe. Yeroo natti himetti, uggurichi murteessamee jira. Deemuun nu irra hin turre. Kun hedduu hedduu na rakkise” jedha – Maayikil.

Baqataan ka biraan, lammiin Sudaan – Abdulaziiz Yaasir Yaayyaa jedhamus, akkasuma, gara kutaa Arizoonaa, magaalaa Takson deemuu akka danda’utti, dhimma isaa xumurachuuf Amajjii 30matti beellamamee ture. Garuu, amma illee mooraadhuma sana keessa jira.

“Biyya Ameerikaa dhaquun barbaada. Sababaan isaa biyyi koo amma illee waraansa keessa jirti. Abdii tokko malee jiraachaa jirra. Yoon Ameerikaa deeme, mana barnootaa deemuun danda’a.” jedheen abdadhe, jedha – Abdul-aziiz

Baqattuun lammii Somaaliyaa tokkos, gara kutaa Mizuurii, magaalaa Seent Luwis deemuuf, otuu Naayiroobii teessee, dabaree xayyaaraa eeggataa jirtuu akka gara mooraa Dadaabitti deebitee murtii seeraa Yunaayitid Isteets sana eegdu taasisamuu ishee dubbatti. Dhaabbatni dhimma godaantotaa – IOM, dhimma kana irratti akka ibsa kennu barbaadamee, deebii hin kennine. Dubbi-himaan Ministrii dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, “hojiin baqattoota Yunaayitid Isteets dabalee biyyoota alaa keessa qubachiisuu, Naayiroobii keessatti itti fufee jira” jedhan. Haalli jiru qabatamaa tahuu dadhabuu kana amane – dubbi-himaan UNHCR immoo, otuma danqaa dhimma seeraa Yunaayitid Isteets sana furuuf yaalamaa jiruu, baqattoota Yunaayitid Isteets keessa qubachiisuun akka itti fufu dubbattu.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG