Xurree ittiin seenan

Atileeti Taammiruu Demisee dorgommii Paralympic Riyoo irratti mallattoo mormii Oromoo agarsiise,alaabaallee faarsuu didee

  • Soraa Halakee

Taammiruu Demisee Paralympic Riyoo irratti mallattoo mormii Oromoo agarsiise

Taammiruu Demisee Paralympic Riyoo irratti mallattoo mormii Oromoo agarsiise

Hariyaan Furii Kaffiyaaloo jettiin,maqaan isaa,Taammiruu Kaffiyaaloo Damiseeti.Taammiruun nama ganna 23ti.

Bara 2000 keessa fiigicha jalqabee bara 2003 keessa ammoo akka dansaa dorgommii jabeeffate.Eegii sunii asitti metirii 400, 800 fi 1,500 irratti dorgoma. Haga ammaatti medaaliyaa 45 caalaa badhaafame.

Taammiruun nama biyya keessaa fi biyya alaalleetti Paralympic dorgmuun beekama.Paralympic dorgommii namii cabaa-baqaa, naafaa fi qaamii akka akkaa irraa hirdhate ka doktoriin mirkanseef irratti dorgomu.

Atileeti Taammiruu Demissee,Rio Biraazil

Atileeti Taammiruu Demissee,Rio Biraazil

​Dorgommii Paralympic ta bara, 2016 Fulbaana 7-18,bara 2016 Riyoo,Biraazilitti itti jiran.Atileetota 4000 caalanitti itti jira.

Itoophiyaan dorgommii tanaaf Taammiruu waliin nama shan ergatte.Taammiruun fiigicha metirii 1,500 guyyaa dheengaddaa dorgome irratti lammeessoo bahee mallattoo mormii Oromoo agarsiise.

“Wanta biyya keessatti godhamaa jiru addunyaatti akka beekamu. Dhiiga saba kiyyaatii ka dhangala’a jiru…kan gubachaa jiru saba kiyya waan taheef---namini meeqa akka du’e hin beekna,kanaaf mormii agarsiise,”jedha.

Kanaafuu jedha Taammiruun mallatoon tun mallattoo ummatii "Oromoo hidhamuu isaa, cunqurfamuu isaa agarsiisu waan taheef agarsiise,” jedha.

Atileeti Taammiruun mallattoo mormii Oromo tana yoo dorgommii jalqabe,yoo fixe,yoo badhaasa medaaliyaa fudhate mul’isee dirree keessa fiigaa agarsiisaa ture.Yoo waltajjii irratti alaabaa Itoophiyaa oli baasan afaan qabatee faarsuu dide.

Afaan qabachuun ammoo “ummatii Oromoo osoo waan hedduu qabuu ukkamamuu isaa,osoo wannuma hundaa gochuu dandahuu afaan qabee akka homaa hin dandeennetti ilaalamuu isaa agarsiisaa,” jedha.

Taammiruun mormii tana agarsiisuuf Fayyisaatti na durse malee eegachaa ture jedha.

“Tokkoffaa baheetoo rikordii nan cabsaa tureeyyuu.Oggaa ani harka oli qabu innii gadi jedhee seeneeyyuu.Innii rakkoo hin qabuu.Anaaf rakkoo hin qabu.”

Taammiruun dorgommii jara qaamii miidhamee Paralympic keessatti dorgomaa.Innii diqqeennaan ila tokko dhabee,iltii lammeessoolleen akka dansaa lafa hin agartu.

Taammiruun waltajjii dorgommii addunyaa irratti mallatoo mormii siyaasaa agarsiisuun 'seera malee' jedhanii yoo fkn seera sun cabsite jedhanii medaaliyaa sirraa fuudhan maan jetta jennaan “kaan lubbuu itti dhabaa medaaliyaa narraa fuudhuun rakkoo hin qabu,” jedha.

Mormii atileetotii Itoophiyaa dorgommii biyya alaa irratti harka mataa irratti oli qabatanii mallattoo mormii hiriira Oromiyaa agarsiisuu kana, Fayyisaa Leellisaatti jalqabe.

Fayyisaa Biraazilii bahee amma Amerikaa jira.

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG