Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Ol Iyyannoo Uggura Imala Traamp Bakkatti Deebisuuf Tole Hin Jenne


Manni Murtii Ol Iyyannoo Uggura Imala Traamp Bakkatti Deebisuuf Tole Hin Jenne
Manni Murtii Ol Iyyannoo Uggura Imala Traamp Bakkatti Deebisuuf Tole Hin Jenne

Grumuun abboota murtii sadii kanneen mana murtii ol iyyoannoo US 9ffaa San Francisco keessa jiran kan manni murtii gad aanaa imala baqattootaa uggurame rarraase akka hin kaane sagalee guutuun murteessee jira.

Manni murtichaa murtii isaa beeksisee yeroo xiqqoo booda prezidaant Traamp ergaa twitter maxxansaniin “Mana murtiitti wal argina”, nageenyi biyya keenyaa balaa keessa jira jedhan. Booda irra immoo tuuta oduuf White House keessatti ibsa kennaniin manni murtii murtii siyaasaa nageenuya biyya keenyaa balaaf saaxilu dabarse jedhan.

Abbaa alangaa muummichi kutaa Washington Bob Ferguson tuuta oduuf Seattle keessatti ibsa kennaniin uggurri sun bakkatti akka deebian kan falman yoo ta’an manni murtii muri inni dabarse Heera USf injjifannoo dha jedhan.

Abbaa seeraa US kan ta’an August Flentije ajaji ol aanaa Trump dabarsan aangoo prezidantiin qabuuf Kongresii fi heeraan eeyamame jechuun falman.

Abbaan alangaa addaa kutaa Washington Noah Purcel akka jedhanitti garuu uggura imalaa sana xiinxala mana murtii malee bakkatti deebisuun biyyattii deebisee jeeqama keessa buusa jechuun akeekkachiisan. Dhimmi kun mana murtii walii galaatti darbuu mala.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Manni Murtii Ol Iyyannoo Uggura Imala Traamp Bakkatti Deebisuuf Tole Hin Jenne
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:58 0:00

XS
SM
MD
LG