Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbata Haaraa - Adda Dimookitaatawa Oromoo Kaan Irraa Maal tu Adda Godha?


Yeroo dheeraaf Waltajjii Marii Oromoo, jechuun kan of waamaa ture - gurmuun hoogganootaa fi miseensota ABO duraanii dhaabba haaraa Adda Dimookitaatawa Oromoo jedhamu hundeessuu isaa turban dabre beeksisee jira. Bilisummaa, murtii-haqaa fi Dimookitaasummaa uummata Oromoo fi saboota Itiyoophiyaa ka biroof mirkaneessuuf ka qabsaa’u ta’uu beeksise, dhaabbatni haaraan kun.
Mirga nam-tokkee fi mirga waloo mirkaneessuun dhimma ijoo itti fuuleffate ta’uu illee ibsi dhaabichi baase addeessee jira.

Dura-taa’aan dhaabichaa – Obbo Leencoo Lataa ejjennoo dhaabichaa ennaa ibsan “Itiyoophiyaan eega dhalattee jalqabee haga ammaatti Impaayera. Impaayerummaa ishee kana jijjiirree bakka sanaa biyya saboota hundaahuu wal-qixxee tajaajiltu, eenyummaa saboota hundaahuu wal-qixa mul’istutti akka jijjiiramtu gochuu dha – ejjennoon keenya. Kunis yoo biyyattiin federeeshinii sab-danuu dhugaatti jijjiiramte dhugooma, jennee amanna,” jedhan.

Mirga Hiree-murteeffannaa Uummata Oromoo, kan ABOn akka sagantaatti lafa kaayyatee jiru irratti maal akka dhaaba isaanii adda godhu ennaa ibsanis, “Hoogganoonni ABO yeroo ammaa hiikkaa Hiree-murteeffannaa gara Rippublikii Dimookitaatawa Oromiyaa hundeessuutti galchan. Nuti kan jennu immoo kun qajeela dha, garuu kan Oromoof wayyu hiikaa hiree-murteeffannaa ka biraa yoo goone. Sunis sabootaa fi namoota bulchiifamoo turan gara sabootaa fi namootaa amba yokaan “CITIZENS” ta’aniitti jijjiiruu dha. Hundeen hiree-murteeffannaa isa kana – ka jedhu,” – jedhan – Obbo Leencoon.

Obbo Leencoo Lataa Waliin Marii geggeeffame caqasa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:13 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG