Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tanaaan 11 Jedhaa! Jettee Riyaal Maadriid Dorgommii Shaampiyoonis Liigii Awurooppaa, UEFA Mootee Jennaan


Goolii Ronaaldoon galchetti Riyaad Madriid Shaampiyoonaa tolche
Goolii Ronaaldoon galchetti Riyaad Madriid Shaampiyoonaa tolche

Dorgommii Shaampiyoonaa Riyaal Madriidii fi Atileetikoo

  • Kubbaa Kiristiyaanoo Ronaaldoo goolii keessa buuseefitti Riyaal Madriid waancaa fudhachiise
  • Sergiyoo Raamoos daqiiqaa 15essootti gooluma biraan bahee goolii keessa buufate
  • Antoine Griezmann ammo dhiiticha adabbii dhabe
  • Goolii Yannick Carrasco daqiiqaa 79essoo irratti Atileetikoo galchetti akka taphii 1-1 tahu tolche
  • Ta Ronaadloon Dhiitee xiixaa dabartee goolii keessaa birbirfatte ta Juanfran dhiite ammoo sibiilaa dhooftee qillisitee itti deebte.

Shaampiyoonis Liigii baranaa woma hedduu himaniin qaba.Shaampiyoonis Liigii (UEFA) maqaa dorgommii kilaboota Waldaa Awurooppaa kilabootii divizoona olaanaa keessa jiran taphatan.

Riyaal Madriid tana waliin marroo 11 dorgommii UEFA moote
Riyaal Madriid tana waliin marroo 11 dorgommii UEFA moote

​Dorgommii qalbii guddoon daawwatan horii miliyoona dhibba hedduu itti bahuu fi tapha namii akka malee jaalatu keessaa ka duraati. Tapha baranaa kilaboota 32 jalqabee Riyaal Madriidii fi Atletikoo Madriiditti walti hafe.

Taphii 1-1 dhumatee eegee adabbiin gargar baasan. Akkuma kanaan Riyaal 5-3 mootee ta baranaa waliin marroo 11 dorgommi Awurooppaa moote.Kubbaa Ronaaldoon dhiitee akka Riyaal Madriid moosise.

Gama Riyaal Madriidiitii;Lucas Vazquez, Marcelo fi Gareth Bale hin galchan,gama Atileetikoolleen Griezmann, Gabifi Saul Niguez hin galchan taphii 3-3 tahe.

Gama Riyaal Madriidiiti Raamos itti dabalee 4-3 tahe,gama Atileetikootii ammoo ta Juanfran dhiite utubaa goolii dhooftee itti deebitee taphii 4-3 tahe.

Dhiiticha tokkocha hafe Kiristiyaan Ronaaldootti keessa buufatee taphii 5-3 dhumate.

Ronaaldoon tana walin dorgommii Shaampoiyoon Liigii sadii moohe;bara 2008 Manchesteri Yunaaytidiif,bara 2014 fi bara 2016 Riyaal Maadridiif moohe.

Manaajerii Riyaal Madriid Zinaddiin Ziidan(ka mata haaduu) gammachuun xinniquutti jira
Manaajerii Riyaal Madriid Zinaddiin Ziidan(ka mata haaduu) gammachuun xinniquutti jira

Manaajerii Riyaal Madriid taphataa kubbaa miilaa Faransaay beekamaa, Zinadiin Ziidan.Mala innii dhahetti akka Riyaal Madriid mootu tolche.

Mala Ziidan dhaheen;Bale fi Ronaaldoon akka taphattootii Atileetikoo, Grizmannii fi Torres kubbaa hin aarganne dirree wadhakkaa taphachaa deebihaa, dhufaa deebihaa taphatan.Atileetikoon baranallee jaluma geetee waancaan harkaa bahe.

XS
SM
MD
LG