Xurree ittiin seenan

Breaking News

Leenjisaan atileetota Itoophiyaa beekamaan Dr.Waldee Masqel Kostiree kalee ganna 69-tti lubbuu dhabe


Dr.Waldamasqal Kostiree 'Badhaasa Leenjisaa Atileetiksii Bara 2006' mo'ee oggaa badhaasicha fudhatu.
Dr.Waldamasqal Kostiree 'Badhaasa Leenjisaa Atileetiksii Bara 2006' mo'ee oggaa badhaasicha fudhatu.
Leenjisaan atileeota Itoophiyaa Dr.Waldee Masqel Kostiree kalee lubbuu dhabe
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:23 0:00
Xurree marsariitii

Dr.Waldee Mesqel leenjsitoota atileetiksii Itoophiyaa addunyaa irratti guddisan keessaa nama tokko.

Atileetota addunyaatti bebeekaman hedduu leenjise.IAAF bara 2006 keessa Dr.Woldee Mesqel leenjsiaa beekamaa jedhee badhaase. Du’a isaalleetti gadde.

Atileeti Sileshii Siin warra Dr.Woldee Mesqeliin leenjifame keessaa tokko. Akka innii jedhutti Dr.Woldee Mesqel nama hujii jaalatuu fi qalbii tokkoon hojjatee hujiillee ulfeessu.

Kumaalaa Tololaa Kootuu(Qottuu) nama Dr.Woldee Mesqel waliin leenjii kennuu keessaa tokko.Adoo jennuu Shaambel Tolosaan warra durii maqaa kiyya afaan biraatiin paas poortii irratti barreesetti jallise malee maqaan abbaa kiyyaa ‘Qottuu’ miti Kootuu jedha.Nama hedduutti maqaa duraan irraa jallisanii barreessan qajeelfachuutti jira.

Dr.Waldee Masqal waliin Kumaalaa Tolosaan nama hedduu leenjise." Dr. Waldee Masqal nama hujii jaalatu," jedha Kumaalaa Tolosaan.

Dr. Woldee Mesqel akka warri beeku jedhutti abbaa ijoollee lamaatii dhiba amma innii lubbuu dhabeen kun ya irratti ture.

XS
SM
MD
LG