Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baatiin Ja’affaan Jalqabbii Hiriira Mormii Oromiyaa Keessaa Har’a Duula Miidiyaa Hawaasummaan Yaadatame


Sab-qunnamtii hawaasaa(Social Media)
Sab-qunnamtii hawaasaa(Social Media)

Mormii gara xumura bara dabree irra, Oromiyaa keessatti jalqabame baatii ja’affaa sababaa gochuudhaan, har’a lammiwwan Oromoo, lammiwwan Itiyoophiyaa ka biroonii fi deggertoonni guutummaa Addunyaa irra jiran, miidiyaalee hawaasummaa Tiwiiter” fi “Feesbuukiin duula geggeessanii jiran. Gurmuun deggersa sadarkaa Addunyaa Koongiresa Federaalawa Oromoo, kanneen duula kanatti adda-durummaan hirmaatan keessaa tokko.

Kaayyoon duula midiyaa hawaasummaa kanaa, jalqababbii hiriira kanaa fi lammiwwan Oromoo hiriira kana irratti ajjeesamanii fi hidhaman yaadachuu, gaaffiin abbummaa lafaa fi eenyummaa uummatni Oromoo kaase “gaaffii seera-qabeessaa fi sirrii dha” jechuun ka dubbatan aangawoonni mootummaa Itiyoophiyaa akka gaaffiilee uummata Oromoof deebii kennan, namoota sababaa gaaffii sanaaf hidhaman akka hikan, kanneen ajjeesaman ilaalchisee, humnoonni ajjeechaa sana raaw’atan akka seeratti dhiheessan gaafachuu fi hawaasa addunyaa illee hubachiisuuf akka tahe dubbatu – qindeessitoonni duulichaa.

Duulli miidiyaa hawaasummaa kun, aangawoota mootummaa Itiyoophiyaa, aangawoota mootummootaa fi dhaabbatoota addunyaa, geggeessitoota miidiyaalee sadarikaa addunyaa fi ka dhaabbatoota mirga dhala-namaatti dhaamsa dabarsuu akka tahes dubbatanii jiran.

Qindeessitota duulichaa keessaa tokko, hayyuu seeraa – Dr. Birhaane-Mesqel Abbebee Sanyii waliin gaaffii fi deebii geggeessine dhaggeeffadhaa.

Ji'a 6ffaa Hiriiri Mormii Oromiyaa Itti Jalqabe
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:05 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG