Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hucuu Gurraacha Of Irraa Baaftan Malee Mana Murtiitti Hin Dhiyaattan Nuun Jedhan: Himatamtoota Garee Mormituu


Loogoo KFO
Loogoo KFO

Itti aanaa dura taa’aa paartii kongresa Federalawaa Oromoo kan ta’an obbo Baqqalaa fi himatamtoonni kanneen biroon har’a mana murtiitti akka dhiyaatan beellama kennameen utuu hin dhiyaatin hafuu isaanii Abukaatolee isaanii keessaa tokko kan ta’an obbo Abduljabar Huseen dubbatanii jiran.

Abukaatoo kana dura isaaniif dhaabatanii jiran obbo Wandimuu Ibsaatti dabalamuu dhaan maatiin isaanii akka bakka isaan bu’an nu gaafatanis bakka bu’oonni mana hidhaa Sanaa ofi irra nu deebisan jedhan obbo Abduljabar. Wiixata darbe mana hidhaa Qilinxoo dhaquu dhaan obbo Baqqalaafaa waliin wal arguuf yaalanis isaan Abukaatoo Dhaabni isaanii isaaniif dhaabe qabu waan ta’eef kan biraa hin barbaannu jedhan jechuun bakka buutonni mana hidhaa nuuf deebisan jedhu Abukaatoo Abduljabbaar.

Baqqalaa Garbaa, ittti aanaa dura ta'aa KFO, suuraa Waajjira Seneetii Haart keessatti ka'e, Hagayya, 2015
Baqqalaa Garbaa, ittti aanaa dura ta'aa KFO, suuraa Waajjira Seneetii Haart keessatti ka'e, Hagayya, 2015

Maatii isaanii ennaa gaafannu garuu nuti kan obbo Baqqalaa waliin mari’anne abukaatooleen itti dabalaa akka isaaniif dhaabatu, isaanis kana irrati walii galaniiru nuun jedhan jedhaniiru. Sababaa isaan mana murtiitti har’a beellama isaanii irratti hin argamneefis bakka bu’aan mana hidhaa dhaddacha har’aa irratti argaman akka hin beekin mana murtiif ibsan. Maatiin himatamtootaa Abukaatoof akka ibsanitti garuu gadda saba keenyaas kan ofii keenyaas qabna waan ta’eef huccuu gurraacha uffannee waan kaaneef huccuu kana ofi irraa baastan malee mana murtiitti hin dhiyaattan jechuu isaanii adda baafanne jedhan. Manni murtiis sababaa himatamtoonni har’a hin dhiyaatiin hafeef kan hin beekne ta’uu beeksisee beellama ka biroo kennuu dhaan akka dhiyaatan ajaja dabarsee jira.

Hucuu Gurraacha Of Irraa Baaftan Malee Mana Murtiitti Hin Dhiyaattan Nuun Jedhan: Himatamtoota Garee Mormituu
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:53 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG