Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obboo Baqqalaa Garbaafaa Irratti Himannan Baname


Baqqalaa Garbaa, ittti aanaa dura ta'aa KFO, suuraa Waajjira Seneetii Haart keessatti ka'e, Hagayya, 2015
Baqqalaa Garbaa, ittti aanaa dura ta'aa KFO, suuraa Waajjira Seneetii Haart keessatti ka'e, Hagayya, 2015

Abbaan alangaa himatamtoota 22 irratti maqaa ABO jedhuuf paarlaamaan Itiyoopiyaa dhaaba shorokeessaa dha ittiin jedhe keessatti hooggantummaa fi miseensummaan hirmaataniiru jechuu dhaan seera farra shororkeessummaa irra daddarbaniiru jechuun himate.

Manni murtichaas himannaa sana dubbisaan dhageessisee jira. Haa ta’u malee kanneen keessaa hiamatmtoonni torba afaan Amaaraa waan hin dhageenyeef jecha himannaa sana kan hin hubanne ta’uu dubbatan.

Itti aansuu dhaanis himannaa himatamtootaa dhaggeeffachuuf abukaatoo waliin akka mari’atan akkasumas manni murtii turjumaana akka qopheessu Ebla 18tti beellama ka biroo kennee jira.

Loogoo KFO
Loogoo KFO

Obbo Beqqelee Garbaa fi hoogganoonni Koongiresa Federaalawa Oromoo, waaltaa Qoranaa Federaalaa “Maa’ikelaawii” jedhamu keessatti isaan waliin hidhamanii turan ka biroon, har’a mana-murtiitti dhihaachuu ilaalchisee – Paartiin isaanii koongiresi Federaalawa Oromoo maal jedha? Itti-aanaa dura-taa’aa paartichaa, Obbo Mulaatuu Gammachuu, Finfinnee irraa waan jedhan qabu.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:57 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG