Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waldaan Federeshiinii Kubbaa Miilaa Addunyaa(FIFA)Bulchiinsa Isaa 'Qajeelfachuuf' Dubartii Itti Gaafatamatti Filate


Fatma Samaba bulchituu FIFA haaraa
Fatma Samaba bulchituu FIFA haaraa

Federeshiiniin Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa, FIFA waldaa hujii kubbaa miilaa hojjatu. Ganna 111 dura hujii jalqabe.

Bulchootii waldaa kanaa biyya dorgommii addunyaa gugurdoo qopheessan filuuf gumboo doolara miliyoona hedduu irraa nyaachaa bahan jedhanii himatan.

Tanumaan pirezdaantii waldaa kanaa Sepp Blatter hujii irraa buusan. Bulchootii waldaa kanaa balleessaa irratti beekanii jennaan hagii tokko ufumaan hujii irraa bu’an.Haga tokko ammoo balleessaan himachuutti jiran.

Waldaan kun akkuma tahu tahee waan bara hedduu keesatti tolchee hin beenne dubartii hujii bulchiinsa olaanaatti filate,Fatma Samba Diouf Samoura,nama ganna 54 dubartii jalqabaaf FIFA bulchitu. Yoo wanti cufti qajeelte Waxabajji dhufu keessa huji jalqabdi.

Nama isiin fulaa buutee hojjattu, Jerome Valcke,,bulcha FIFA ka gumboo nyaatee hojjate jedhanii ganan 12tiif hujii kubbaa miilaa irraa dhaaban.

Akka pirezidaantiin FIFA ,Gi'anni Infantiino jedhetti Fatiman bulchiinsa haaraa fiddee maqaa dhaaba kanaa(FIFA) wayyeessiti.

Gama ispoortiin muuxannoo qabaachuu baattullee,Fatiman beekumsa bulchiinsaa qabduun waldaa kana faltee qajeelchiti jedhanii abdatan.

Fatiman Tokkummaa Mootummootaa keessa hojjachuun muuxannoo bara hedduu kuufatte,dhalootaan nama Senegaal.

Waldaan kun takkumaayyuu dubartii biyya Awuroopaatii alaa bulchiinsatti filatee hin beeku.Maallaqaa fi hojjattootaa FIFA tohachaa dhaaba kana bulchiti,Fatiman.

XS
SM
MD
LG