Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhugumaan Abukaatoo Tahuu Illee Akkaataa Itti Mirkanaa’e Naaf Hin Galle: Injinar Girmaa Xurunaa / Seeraan Bakka Bu'uu Koof Ragaan Qaba: Abukaatoo Wandimmuu Ibsaa


Mana Murtii Federaalaa, Finfinnee
Mana Murtii Federaalaa, Finfinnee

Abbaan alangaa Federaalaa Itiyoopiyaa Ebla 28 bara 2016 namoonni 33 biyya keessatti Adda Bilisummaa Oromoo hundeessuu fi hoogganuun akkasumas miseensa ta’uun yakka shosorkeessummaa raawwatan jechuun mana murtii Federaalaa dhaddacha 19ffaatti himannaa dhiyeessuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama. Abukaatoo himatamtoota 32 kan ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa waliin gaaffii fi deebii gaggeessinee turreen namoonni naannoo Boolee Bulbulaa qabaman 56 baatii Hagayya bara 2015 Afooshaa dhaabbatanii akka turan naaf himanii jiru jedhan.

Afooshaa kanas kan gurmeessan Injinar Girmaa Xurunaa fi Artist Girmaa xuranaa ta’uu akkasumas gafaa qabaman afaooshaaf walitti qabamanii akka jirantti alaabaa ABO Injinara Girmaa Xurunaa erga nutti raabsanii booda jechuun natti himan jedhu Abukaatoo Wandimmu Ibsaa. Injinar Girmaa Xurunaa Raadiyoo sagalee Amerikaa sagantaa Afaan Oromoo irratti dhiyaatanii dubbachuuf akka fedhan kan gaafatan yoo ta’u abukaatoo namni jedhamee dubbatan Obbo Wandimmuu Ibsaa dhugumaan abukaatoo ta’uu akkaataan itti mirkanaa’e naaf hin galle jedhan.

Kana irratti hundaa’uun Injinara Girmaa fi Abukaatoo Wondimmuu waliin gaaffii fi deebii gaggeeffame kutaa tokkoffaa caqasaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:52 0:00
Xurree marsariitii
Kana irratti hundaa’uun Injinara Girmaa fi Abukaatoo Wondimmuu waliin gaaffii fi deebii gaggeeffame kutaa lammaffaa caqasaa.
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:21 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG