Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiwmaan Raaytis Waach Tarkaanfii Mootummaan Mormii Oromiyaa Keessaa Ukkaamsuuf Fudhateen Namoonni 400 ol Ajjeefamuu Gabaase


Mormii Haramayaa Yunivarsitii, Oromiyaa
Mormii Haramayaa Yunivarsitii, Oromiyaa

Hiwmaan Raayitis Waach, dhaabbanni mirga dhala namaatii falmu, gabaasa ballaa mormii Oromiyaa laalchisee haarra baasee, mata duree “tarkaanfii gara jabinaa mormii ukkamsuu, ajjeecha fi hidhaa - deebii mootummaan Itiyoophiyaa mormii Oromooti kenne” jedhu jallatti akkamitti mootummaan Itiyoophiyaa sochii mormii Oromiyaa ukkaamsudha humana barbaachiisaa hin turre akka fayyadame, bayyina namoota mormii Oromiyaa irratti lubbun darbee fi namoota hidhamanii akkasumaas tarreessa.

Fiilix Hoorn ,Hiwumaan Raayitis Waachitti qorataa dhimmoota Itoophiyaa fi Eertiraa
Fiilix Hoorn ,Hiwumaan Raayitis Waachitti qorataa dhimmoota Itoophiyaa fi Eertiraa

Gabaasnni fuula 61 qabu kun, mootummaan Itoophiyaa mala namni odeeffanno akka hin argannee fi walii hin daddabarsine gufuu ta’u hojjirra olchuus dhaabbanni isaanii qorannoodhan mirkaneeffachuu agarsiisa.

Kana malees, humnoonni nageenyaa rasaasa fayyadamuun deddeebi’anii namoonni akka walitti hin qabamne gochuun mormii tokkorratti hoo xinnaate nama tokko yookin sani ol ajjeesdhan ji’oota xinnookessatti mormitoota dhibbaan lakkawwaman galaafataniirus jedha.

Daarkiteerri dhaabbata mirga namaa hordofu, Hiwumaan Raayitis Wochii kan taate Lesilee Lafkaw akka dubbattetti, humnoonni nageenyaa Itiyoophiyaa, lubbuu namaaf tufii guddaa argisiisun, baratoota, qonnaan bultoota fi mormitoota nagayaa irratti dhukaasun ajjeesanii jiru.

Gabaasnni Humaan raaytis baasee kun gabaasa torbbanuma kana Koomishiniin Mirga Dhala Namaa Itoohpiyaa, han teechoon isaa Itoophiyaa ta’e, dhimmi Mormii oromiyaa irratti baaseen addaan goraadha. Komishinichi tarkaanfiin humnoonni mootummaa fudhatan madaalawaa akka ture dubbata.

Faayilii - Naannoo Oromiyaa magaala Holonkoommiiti mormii godhamee keessa konkolaataa caccabe, Muddee 17, 2015
Faayilii - Naannoo Oromiyaa magaala Holonkoommiiti mormii godhamee keessa konkolaataa caccabe, Muddee 17, 2015

Fiilix Hoorn ,Hiwmaan Raayitis Waachitti qorataa dhimmoota Itoophiyaa fi Eertiraati. Qorannoo gabbasa amma baheee kana irattis adda dureedhan hirmaatera. Waayee gabaasichaa fi haala Oromiyaa yeroo ammaa laalchisee Filex hasofisiisera. Mootummaan Itoophiyaa hoo Gabaasa Hiwmaan Raayitis kana akkamitti laala lata? Gabaasaan Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, Heenook Samagzaabeer ministiri dhimoota koominikeeshinii Itoohpiyaa Obboo Getachoo Raddaa Dubbiseera. Kutaa duraa sagantaa kanaa armaan gaditti caqasaa. Kuta lamaata wajjin boru sinitti deebina.

Gabaasnni kun Biyyoonni alaa mootummaa Itiyoophiyaa kara adda addaatin qaraaran yeroo humnoonni nageenya mootummaa Oromiyaa keessatti dhiiga nama hedduu dhangalaasan callisanii guddina Itiyoophiyaa dhaadhesan,jedhee, guddina biyyattin akka guddattu hoo barbaadan duramirggi namaa akka kabajamuu, keessaattu mirga dubbachuu fi warri miidhame haqa akka argatan dhibbaa gahaa gochuutu irraa eegama jedha. ​

Tarkaanfii Mootummaan Mormii Oromiyaa Keessaa Ukkaamsuuf Fudhateen Namoota 400 oltu Ajjeefame
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:49 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG