Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii Uummataa Yeroo Dheeraatii Booda Oromiyaan Amma Maal Keessa Jirti


Kaartaa naannoo Oromiyaa agarsiisu
Kaartaa naannoo Oromiyaa agarsiisu

Baatii Sadaasaa dabre kaasee, mormiin Oromiyaa keessatti geggeeffame irratti, kanneen irra-jireessi isaanii dargaggoota ta’an – namoota dhibba lamaa ol tu humnoota naga-eegumsaatiin ajjeesame jedhu jaarmayaaleen mirga dhala-namaaf falman. Qabsaa’onni siyaasaa Oromiyaa keessaa garuu, lakkoobsi kun gara dhibba afurii akka ta’utti dubbatu.

Baatii Guraandhala dabree keessa, mootummaan ibsa kenneen poolisoonni 13 mormitootaan ajjeesaman jechuun yakkee ture.

Xiqqoo turee immoo, Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Obbo Hayilee-maariyaam Dessaalenyi, “Mormii Oromiyaa keessatti geggeessameef sababaan hanqina bulchiisa gaarii Oromiyaa keessa jiru” jechuun, badiin ka mooutmmaa isaanii ta’uu fudhatanii turan.

Paartiin Oromiyaa bulchu – Dhaabbatni Dimookiraasummaa Uummata Oromoo – OPDO-s, maaster-pilaaniiin Finfinnee naannawa ishee walitti hidhu sun akka hojii irra hin oolfamne beeksisee, aangawoota isaa tokko tokkos hojii irraa buqqise.

Kun martinuu ta’ee, kanneen dhiheenya mooraa Xollaay keessaa hiikaman irraa kan hafe, hoogganoota paartiilee mormituu dabalee namoonni kuma hedduutti lakkaawaman akka hidhamanii jiran beekamaa dha. Mormiin uummataa kan Oromiyaa keessaa sun eega gab jedhee booda, oduuwwan hin mirkaneessamiin hedduu tu naannoo sana keessaa dhaga’ama.

“Oromiyaan godinaa bulchiinsa waraanaa 8tti qoodamtee waraanaan bulfamaa jirti. Miseensonni DhDUO yokaan OPDO 800 hojii irraa hari’amanii jiran. Aangwoonni kaan immoo walga’iilee dhedheeroo keessatti qabamanii oolu. Hojjetoonni maqumaaf mana hojii deemu malee hojiin hojjetamu hin jiru” kanneen jedhan, oduuwwan hin mirkaneessamiin Oromiyaa keessaa dhaga’amaa jiran keessaa haga tokko.

Oromiyaan akka miididyaalee hawaasummaatiin warra kaan waliin wal hin quunnamnetti, miidiyaaleen hawaasummaa naannoo sana keessatti ugguramanii jiran– jechuun, gareen mirga dhala-namaa “Human Rights Watch” torban tokko dura gabaasee jira. Oduuwwan kana ilaalchisee. Jaallanneen, godinaalee Oromiyaa adda addaa sadii irraa – miseensota Koongiresa Federaawa Oromoo ka ta’an – namoota sadii haasofsiistee jirti. Gama mootummaa Oromiyaatiis deebii argattee jirti.

Mormii Uummataa Yeroo Dheeraatii Booda Oromiyaan Amma Maal Keessa Jirti: Kutaa 1ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:15 0:00
Xurree marsariitii
Mormii Uummataa Yeroo Dheeraatii Booda Oromiyaan Amma Maal Keessa Jirti: Kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:39 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG