Xurree ittiin seenan

Breaking News

Olompikii Biraazil ittuma jiranii USA medaaliyaa 72 argattee dura jirti biyyitii medaaliyaa tokkooyyuu hin argatin hedduu


Maatii atileeti Amrikaa Simone Biles
Maatii atileeti Amrikaa Simone Biles
Olompiki Riyoo 2016 akkanaan istaadiyoomii Marakanaatti banan
Olompiki Riyoo 2016 akkanaan istaadiyoomii Marakanaatti banan

​Biyya 205 itti dhufee, atileetota 11, 000 irratti wal dorgomuutti jira, nama kuma dhibba hedduutti bahee daawwataa miliyoona hedduutti TV fi interneetiin daawwiif faana jira.

Daria Spiridonova atileetii Raashiyaa
Daria Spiridonova atileetii Raashiyaa

Olompikii Riyoo,Biraazil bara 2016 eegii jalqabanii amma guyyaa 10essoo keessa jiranii dhumachuuf guyyaa 11 hafe. Dorgommii ispoortii kurnya hedduutiin wal dorgoman.

Amerikaatti haga amma barresuutti jirru kanatti medaaliyaa 72 argatee dura jira. Kana keessaa 26 warqii, Gireet Biritenitti itti aanaa medaliyaa 40 kana keessaa warqiin 16,Chaayinaan medaaliyaa 46 warqii 15 argatte faana jirti.

Olompikii Riyoo 2016
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:07 0:00
Xurree marsariitii

Afrikaa keessaa Afrikaa Kibbaatti medaaliyaa 7 kana keessaa warqiin tokko argattee tokkeessoo jira.

Olompikii Riyoo 2016
Olompikii Riyoo 2016

​Itoophoiyaalleen medaaliyaa 4 kana keessaa warqii tokko argatte. Biyyitii haga ammaa warqii dhiisii medaaliyaa tokkollee hin argatinilleen hinuma jirti.

Dorgommii baranaa woma hedduun himan:Tigisti Tufaa dhibamtee dorgommii keessaa baate,Etenesh Diroo kopheen irraa buutee baafattee kaalsiillee lafa buuftee dorgomtee torbeessoo taate.

Atileetiin Amerikaa Maaykil Felipsi ta baranaa waliin dorgommii olompikii irratti bisaan daakuun medaaliyaa 23 argatee amma dorgommii ya dhaabee jedhee labsate.

MaaykilFelipsi gama bitaa jir
MaaykilFelipsi gama bitaa jir

​Lammiin Amerikaa hidda dhaloota Afrikaa Simone Manuel atileetii nama Amreikaa gurraacha jalqabaa bisaan daakuun warqii badhaafame taate.

Amerikaa bifaan gurraatti yoo jqlabaaaf bisaan daakuun Amerikaa keessaa tokkeessoo taate.

Atileetiin Gireet Biriteyin,Mohaa Faaraa metriii kuma 10 irrtti adoo dorgomuu jigee kahee tokkeessoo tahee warqii badhaafame.

Dorgommiin atileetota Itoophiyaa Olompikiitti akkamitti deemuutti jirti?

Almaaz Ayyaanaa fi Xurunash Dibaabaa
Almaaz Ayyaanaa fi Xurunash Dibaabaa

Namii isiin dorgommii bisaan daakuutii ergatte,Rooble Kiroos ‘dorgommu dhiisi nafa atileetiiyyuu hin qabu’ jedhee namii hedduun itti qoosaa bahe dadhabee keessaa gale.

Ka biskileetii dorgomeef Tsegaabuu Girmaa km 69 irratti keessaa bahe. Atileetiksiin ammoo Almaaz Ayyaanaa, intaltii ganna 24 metirii 3000, 5000 fi 10,000 dorgomuun beekamtutti dorgommii kuma 10,000 daqiiqaa 29:17:15 ceetee moote.

Leenjisaa Toleeraa Dinqaa warra atileeti Almaaz leenjsie keessaa tokko baga gammaddee akka irraa agarte jennaan.

“Eegumsii nu irraa turres kanumaa.. rekordi irratti deemaa osoo hin tahin injifadhaa jennee gorsinee garuu isaan isa nu jennee ala dirqama isaanii bahaniiru.Kana ka itti hin gammanne hin jiru hunduu itti gammadeera.”

Akka obboo Toleeraan jedhutti Almaaz humnaa oli dorgomaa baate barana yeroo gabaabaas asitti abbaa mana ishiitti ji’a jahaaf leenjisaa bahe.

Bori ammoo Genzebee,Mukataar Idriis,Hagso Gebree Hiyoot,Sanbaree Teferii fi atileeota gara garaa moohachuuf eeguutti jiran.

XS
SM
MD
LG