Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa akka qaamii sadarkaa addunyaa nama hiriira mormii Oromiyaa fi naannoo Amaaraa dhiyoo irratti fixan qoratu gaafate


Koomishineera Tokkummaa Mootummootaa Damee Mirga Ilmaan Namaa, Zeid Ra’ad Al Hussein
Koomishineera Tokkummaa Mootummootaa Damee Mirga Ilmaan Namaa, Zeid Ra’ad Al Hussein
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:41 0:00
Xurree marsariitii

Koomishinerii koomishiinaa Mirga Namaa Tokkummaa Mootummootaa, Zehid Raad Al Huseen akka rakkoon jirtu ariitin qoratamtu gaafate.

Akka oduu himtuun Koomishiina Tokkummaa Mootummootaa mirga ilmaan namaa waajjira Jenevaa,Ravina Shamdasani jettetti rakkoon jirtu qoratmuuf qaamii walabaa Itoophiyaa deemee rakkoon qoratamu qabdi.

“Gabaasa hedduu footoon,nama rasaasaan dhawamee,barreeffamaa fi waa akka akkaatiin argachuutti jirra.Ammajii dabartee jalqabee odeeffannoo rakkoolee naannoo sunii dhagahumatti jirra waan dhageenne kana mirkanfachuuf qaamii tokko ergamuu qaba.”

Tana malellee akka oduu himtuu Tokkummaa Mootummootaatti,“namii miidhamee;hidhamee fi ijjeefame akka gabaasa arganneetti kanaa oli.”

Dubbiin tana bulchootaa mootummaatiin wal argitanii haasoftanii jennaan ammoo "bakka bu’aa mootummaa Itoophiyaa Jenevaa jiruun wal haasofnee innilleen dubbii tana bulchoota Itoophiyaatti nuu dabarsuuf waadaa galee,” jette.

Woma taateefuu Tokkummaa Mootummootaatti dameen mirga ilmaan namaa ammallee akka mootummaan Itoophiyaa qaama sadarkaa addunyaa rakkoo hiriira Oromiyaa fi naannoo Amaaraa irratti dhalatte qoratamu gaafii gaafatteef deebii eegachuutti jirti.

XS
SM
MD
LG