Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Nagaa Sanbata Dabree Irrattii fi Sanaa As Lakkoobsi Namoota Oromiyaa Keessatti Ajjeesamanii 86 Gahe, Jedha Kongiresiin Federaalawa Oromoo


Hiriira mormii Bushooftuu, Oromiyaa, Hagayya 6, 2016
Hiriira mormii Bushooftuu, Oromiyaa, Hagayya 6, 2016

Kongresiin Federaalawa Oromoo, Oromiyaa keessatti lakkoobsi namoota du’anii 86 ga’uu isaa, gabaasaalee godinaaleen Oromiyaa adda addaa irraa argate ka mirkaneessu ta’uu beeksisee jira. Itti-aanaa dura-ta’aan dhaabichaa, Obbo Mul’aatuu Gammachuu akka jedhanitti, lakkoobsi kun ka xumuraa miti. Maqaa bakkawwan namoonni itti ajjeesaman – jedhanii fi lakkoobsa namoota du’anii ka tarreessan – Obbo Mulaatuun, bakkawwan hafan irraa amma illee gabaasaa irraa eegaa jirra - jedhu.

Lakkoobsi namoota madaawanii, kan hidhaatti guuramanii fi achi-buuteen isaanii dhabamanii hedduu ta’us, haga ammaatti akka gabaasaa guutuu hin argatiin hubachiisan - Obbo Muaatuun.

Bakkawwan Obbo Mulaatuu Gammachuu armaa olitti maqaa dhawan keessaa – ka Sanbata dabre, namoonni hedduun keessatti ajjeesaman – jechuun jiraattonni dubbatan keessaa tokko, kan Harargee Bahaatti argamtu magaalaa Awadaay.

Himannaa jiraattotaa fi ibsa itti-aanaa dura-taa’aan Kongiresa Federaalawa Oromoo kana ilaachisuun, ka VOAf har’a deebii kennanWaajira Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa, ka Federaala Iriyoophiyaatti, Itti-gaafatamaa Quunnamtii uummataa ka ta’an – Obbo Mohammed Said, waa’ee namoota ajjeesaman – jedhamanii, gabaasaaleen gama adda addaatiin haga ammaatti dhihaatan “oduu dharaa – farreen nageenyaatiin oofamu. Uummata walitti-buusuuf jecha, oduu dharaa oofaa turan tu amma illee itti fufe” – jedhan.

Waa’ee lakkoobsa namoota haga ammaa Oromiyaa keessattis tahe walumaa-galatti Itiyoophiyaa keessatti eega Sanbata dabree tii as ajjeesaman – jedhamees, oduun jaarmayaalee adda addaa fi miidiyaalee hawaasummaa irratti odeessaman – oduu ololaa fi dharaa ti – jechuudhaan, mootummaan isaanii – gabaasaa sirrii ta’e ka baasuuf jiruu ta’uu dubbatan – Obbo Mohaammed Sa’id.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa

Hiriira Nagaa Sanbata Dabree Irrattii fi Sanaa As Lakkoobsi Namoota Oromiyaa Keessatti Ajjeesamanii 86 Gahe, Jedha Kongiresiin Federaalawa Oromoo
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:24 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG