Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti-aanaa Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa Paartiin Keenya Gaaffii Uummata Naannoo Amaaraa Furuuf Qophaa’e, Jedhu


Faayilii - Demmeqee Mekonnen itti-aanaa muumichi Ministara Itiyoophiyaa ta'e oggaa kakuu fudhatu, Fulbaana 21, 2012
Faayilii - Demmeqee Mekonnen itti-aanaa muumichi Ministara Itiyoophiyaa ta'e oggaa kakuu fudhatu, Fulbaana 21, 2012

Dura-taa’aan Sochii Dimookiraasummaa Saba Amaaraa yokaan Ba’aadenii fi Itti-aanaan Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa Demmeqee Mekonnen, magaalaa Baahirdaar keessatti ibsi kennanii fi maddeen oduun tamsaasame, eega sochiin mormii gidduu kana geggeessame as ka jalqabaa ta’uu isaa ti. Dhaabni isaanii – BIAADEN, gaaffii uummataaf deebii kennuuf qophii ta’uu dubbatan – Obbo Demmeqee Mekonnen.

Hawaasni bulchiisa naannoo Amaaraas, rakkoo sana furuuf carraaqqii BA’AADEN gochaa jiru waliin akka hiriiru illee gaafatanii jiran. Dura-taa’aan paartitichaa fi itti-aanaa muumichi Ministaraa Itiyoophiyaa – Demmeqee Mekonnen.

“Uummatni naannoo keenyaa nageenyaa fi ol’aantummaa seeraaf iddoo guddaa kennuu qaba” jedhu. Ibsi itti-aanaa Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa kennan kun ibsawwan paartiileen mormitootaa adda addaa kennaa turan wajjin wal-afaan dhufe. “Mootummaan uummata haa dhaggeeffatu. Mootummaan uummataaf deebii nagayaa haa kennu. Mormitoota waliin gad-taa’ee haa dubbatu”, jedhu mormitoonni. Mormitoota sana keessaa took - Paartiin Dhaabbata Tokkummaa Guutmmaa Itiyoophiyaa kanaa deebii itti-aanaa muummicha sanaa irratti kan amantaa hin qabne ta’uu dubbata. Itti-aanaa prezidaantiin paartichaa – Mulugeetaa Abbebee, “deebiin itti-aanaa Muummicha-ministaraa sun, rakkoolee tartiibaan furra jedhanii odeessan, isa kam akka dura furanii isa kam akka itti aansan hin dubbanne. Furmaata sana fiduuf Ba’aaden hamlee isaa iyyuu hin qabu” jedhan.

Dura-taan Ba’aadenii fi Itti-naa Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Demmeqee Mekonnen, “hoogganoonni paartichaa, haala dhiheenya Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti uumame ilaalchisee – lamatti qoodamanii jiru” ka jedhame – jedhan, oduu dharaa ta’uu dubbatan. “Baa’adeniin uummata Amaaraa irraa adda-baasuuf waan odeessamu” jedhu.

Guutummaa gabaasaa kanaa dhaggeeffadhaa

Itti-aanaa Muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa Paartiiun Keenya Gaaffii Uummata Naannoo Amaaraa Furuuf Qophaa’e, Jedhu
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:13 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG