Xurree ittiin seenan

Breaking News

Federeshiiniin Ispoortii Afrikaa Amerikaa jiru atileeti Fayyisaa Leellisaa janna jedhee maqaa isaatiin fiigicha moggaase


Federeshiinii Ispoortii Afrikaa,Siyaatil Amerikaa
Federeshiinii Ispoortii Afrikaa,Siyaatil Amerikaa
Federeshiiniin Ispoortii Afrikaa atileeti Fayyisaa Leellisaa "goota" jedhee moggaase
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:39 0:00

Fayyisaa Leellisaa atileetii Itoophiyaa wannii innii hojjate,mallattoon mormii Oromoo innii Riyoo Biraazilitti agarsiise oduu addunyaa gurra guutte tahaa deemuutti jirtu.

Rakkoo ummatii Oromoo keessa jiru akka isiin dhaabattuu fi addunyaalleen hubattuuf maratoonii Riyoo irratti lammeessoo tahee jennaan mallattoo mormii tana agarsiisuuf jedhee,mallattoo mormii Oromoo dirree Olompiki Riyoo irratti agarsiise.

Medaaliyaa Federeshiiniin Ispoortii Afrikaatti atileeti Fayyisaa Leellisaa ulfeessuuf baaseef
Medaaliyaa Federeshiiniin Ispoortii Afrikaatti atileeti Fayyisaa Leellisaa ulfeessuuf baaseef

​Federeshiiniin Ispoortii Afrikaa African Sports Federation dhaaba ispoortii ka nama Afrikaa gama ispoortiitiin wal barsiisuuf bara 2009 keessa Siyaatil, Amerikaatti hujii jalqabe.Keessattu bara 2015 keessa humna jabeeffate kubbaa miilaa Seattle African Cup, waancaa Afrikaa Siyaatil jedhee maqaa baafate.

Baruma baraan gareelee ispoortii maqaa ummata isaanii,biyya isaanii fi hawaasa isaanii bakka bu’anii dorgoman wal dorgomsiisa.

Dorgommii baranaa irratti gareen Oromiyaa dorgommii ijoolleetiin kubbaa miilaa mootee,dorgommii kubbaa miilaa nama gugurdaatiin ammoo afreessoo taate.

Fiigicha baranaa federeshiinin kun qopheesse Fayisa Lelisa Heroic Race ykn ammoo Fiigicha Goota Atileeti Fayyisaa Leellisaa jedhanii moggaasan.

Redwaan Doktor Bishaan daarektera federeshiini kanaati.Koreen hujii raawwachiiftuu federeshiinii kanaa maal jedhanii akka dorgommiin tun maqaa atileeti Fayyisaatiin dorgommii tana qopheessite jedhaan.

“Atileetii Afrikaa keessaa sodaa malee ummata isaatiif dhaabachuu ka danda’e...waan innii miidhaa ummata isaa bifa addaatiin Olompikii irratti dubbachuu waan dandaheef.”

Tana maleellee "Federeshiiniin Fayyisaan galatoomii jechuuf maqaa isaatiin dorgommii qopheessa…atileetii biraalleef fkn waan taheef maqaa isaatiin godhan” jedha Rashaad.

“Kanaaf amma irraa jalqabee fiigicha dubraa fi dhiiraa maqaa Fayyisaa Leellisaatiin moggaafama.”

Koreen hujii raawwachiiftuu Federeshiinii Ispoortii Afrikaa Fayyisaa Leellisaa nuuf "goota,madaaliyaa kennamellee maqaa fayyisaatiin kenname” jedha Rashaad.

Madaaliyaan kenname sun mallattoo mormii Oromoo qabaa jedha daarkteii Federeshiinii Ispoortii Oromoo,Redwaan Doktor Bishaan.

XS
SM
MD
LG