Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atleet Fayisaa Leellisaa: Meedaalli Meetii Ani Badhaafame Harka Koo Jira


Fayisaa Leelisaa
Fayisaa Leelisaa

Dorgommii figiicha maaraatonii yeroo jalqabamuuf jedhetti mormii koo dhageesisuuf kanin yaale ta’us iji Kaameraa na hin arganne kan jedhu Atleet Fayisaa Lellisaa booda ergan fiigee xumuree boodaa fi tuta oduuf yeroon ibsa kenneetti, mormii Oromiyaa keessaa kan ilaaleen hoogganootaa fi uummata aaddunyaatti akkasumas sabaa himaa addunyaatti ibsuuf carroomeera jedha.

Carraan dhumaa naa hafee yeroon badhaasa Medaalaa fudhadhu ta’u eegaa ituun jiruu koreen Olompikii dhufanii waltajjii badhaasa irrattis mormii mul’ifttaa? jechaan na gaafatan. Anis eeyyeen jedheen deebise, jedha Atleet Fayisaan. Booda, naannoo bulinsa keenyaa ka Ganda Oloompiik jedhamutti nama natti erganii kanneen ammaan dura waltajjii badhaasaa irratti mormii qaban dhiyeessan adabamuu naaf himanii hegeree keef jedhiitii kana gochuu irraa of qusadhu naan jedhan. Anis ergan didaa ture booda dhuma irratti tole jedhe. Kanaaf jecha maliif Meedaala koo akka fudhatamu akkasumas hegeree koo maaliif akka rakkoon mudatu naa hin galu jedha Atleet Fayisaa Lellisaa.Ammaaf harkuma koo jira jechuun dubbate.

Gama kaaniin Atleet Fayisaaf deggersa maallaqaa funaanuuf gama fees buukiin carraaqqii ta’een Dolaarri kuma 90ni walitti qabamu beekame yoo ta’u gareen ogeessootaa nama sadii qabu Atleeticha gargaaruuf Riyoo seenuun ibsamee jira. Gabaasaa guutuu armaa gadiitti caqasaa.

Atleet Fayisaa Leellisaa: Meedaalli Meetii Ani Badhaafame Harka Koo Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:04 0:00

XS
SM
MD
LG