Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartileen Mormitootaa Itiyoopiyaa Keessatti Mootummaa Ce’umsaa hundeessuuf waamicha dabarsaa jiran


Kaartaa Itoophiyaa
Kaartaa Itoophiyaa

Mootummaan Itiyoopioyaa yeroo adda addaatti mormii fi qeeqi irratti dhiyaataa jira. Mormiiwwan dhiyeenya Finfinnee, Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessatti geggeeffaman irratti gaaffiin sirni polotiikaa haa jijjiiramu, seeraa fi haqi haa kabajamu kanneen jedhan dhaga’amaa jiru.

Miseensonni duraanii kan paartii biyya bulchu IHADEG fi michuun qabsoo isaa kanneen turan yaada furmaataa ta’a kan jedhan barreeffamoota isaaniin ibsa jiran.

Namoota kana keessaa tokko Dr. Aregawi Berihee ti. Furmaati jiru IHADEGiin aangoo irraa buusanii mootummaa ce’umsaa hundeessuu dha kanneen jedhanis jiru. IWEHAT utuu inni qabsoo hidhannoo irra jiru dhaaba kana dhiisanii ba’uu isaanii kan dubbatan Dr. Aregawi Berehe torbee namoota 15 ka biroo waliin ta’uu dhaan ibsa baasanii jiran. Ibsi kunis kan ba’e dhalattoota Tigray kanneen hawaasa sivikii fi paartilee polotiikaa irraa walitti dhufaniif bakka bu’uuf dandeettii qabaniin ta’uu Dr. Aregawi Berihee ibsaniiru.

Sirni waggoota 25f nu hacuuce dhabamuu qaba kan jedhu inni tokko. Dhabamsiisuu qofaa irratti hin dhaabatu. Bakka isaa kan uummata giddu galeessa godhateef uummata biratti amantaa horate paartilee polotiikaa maraa fi hawaasa sivikii irraa kan walitt dhufesirni dimokraasummaa uummataa hundeeffamuu qaba.

Sirna tortore kana, ofii isaanii iyyuu tortorre kan jedhan dhabamsiisuu dhaan sirna dimokraasummaa uummataa hundeessuu dha jedhan Dr. Aregaawiin.

Gama biraatiin Tumsi Uummattootaa fi Dimokraasii ykn PAFD jedhamuu kaleessa mootummaa ce’umsaa Itiyoopiyaa keessatti hundeessuuf yaada furmaataa lafa kaa’uu isaa ilaalchisee kaleessa ibsa baasee jira.

Tumsa kana keessa eenyufaatu jira. Qabiyyeen ibsa ba’ee hoo maali isa jedhu waajjira hooggana tumsa kanaaf barreessaa kan ta’an obbo Tolera adabaa nuuf ibsanii jiru. Armaan gaditti caqasaa.

Paartileen Mormitootaa Itiyoopiyaa Keessatti Mootummaa Ce’umsaa hundeessuuf waamicha dabarsaa jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:07 0:00

XS
SM
MD
LG